dc.description.abstract |
Kaayyoogooroon qorannoo kanaa sirboota foollee Godina Shawaa Lixaa Aanaa Cobii qaaccessuudha.Kaayyoo qorannoo kanaa galmaan gahuufis mala qorannoo akkamtaatti dhimma bahame.Maddi ragaa qorannoo kanaas, maanguddootaafi namoota sirba foollee irratti hubannoofi beekumsa qabanidha.Malli iddatteessuu qorannoo kana keessatti dhimma itti bahame immoo mala iddatteessuu mit-carraa keessaa mala iddatteessuu akkayyoofi darbaa dabarsaati.Ragaaleen qorannichaaf barbaachisanis meehaalee funaansa ragaa afgaaffii gamisaan caaseffamaafi marii garee xiyyeeffannoo fayyadamuun funaanamaniiru.Ragaaleen funaanaman xiinxalamuun gosootni sirboota foollee yoomessa irratti hundaa’uun:sirba foollee yeroo kalaalaa fudhannaa sirbamu, sirba foollee yeroo qe’ee lubaa dhaquuf deeman sirbamu, sirba foollee yeroo qe’ee lubaa gahan sirbamu,sirba foollee yeroo jifuu fudhannaa sirbamuufi sirba foolleeyeroo lubni jifuu kenneen booda sirbamu ta’uu hubatameera.Akkasumas, meeshaaleen sirba foollee keessatti dhimma itti bahaman: kal’ee/ruufni uffata ajajaa olaanaatti, gaachanni immoo foolleen biyya eeguuf jabinaafi qophii qabaachuutti, daabeen gootummaatti,goraadeen meeshaa diina ittisuuf gargaarutti, uleen meeshaa obboleessa caala itti abdatamutti kan fakkeeffamu ta’uu adda baheera.Ergaan sirboota foollee:jajuu/faarsuu (bara bokkaa ykn roobaa, arjummaa lubaa, cimina foollee),kakaasuu/onnachiisuu (luba, gurra urtuu, qadadduu,), arrabsuuf (luba, sigabaa)ta’uu hubatameera.Faayidaan sirboota foollee:Sirni Gadaa seera ittiin nama waamu kan mataa isaa qabaachuufi barsiisuu, aadaa, duudhaafi barteewwan hawaasa keessattigadhee ta’an akka badan gaariin immoo akka ciman to’achuu,lubniifiFoolleen walirraa kan hin dhoowwamneefi akka miseensaatti kan waliin taphatan ta’uu ni ibsu, ilmi Oromoo abbaa isaa irraa sirna Gadaa kan fudhatu ta’uu, sadarkaaleen sirna Gadaa keessatti keessa darbaman jiraachuufi Gadaan waggaa saddeet saddeetiin naanna’ee kan dhufu ta’uu isaa cimsee dhalootaa dhalootatti ni dabarsa,sirba foolleetti qabatanii wanta nama saalfachiisu yookiin nama miidhu jalaa miliquuf kan nama gargaaru ta’uunargannoo qorannoo kanaati.Kanaaf, Waajjirri Aadaafi Turizimii aanichaa hayyoota naannoo sanatti argamaniifi hawaasa hirmaachisuun sirba foolleeirratti qorannoo bal’aa irratti geggeessuuniifi kunuunsuun dhalootaa dhalootattiakka darbu osoo taasisee gaariidha |
en_US |