WelCome to Ambo University Institutional Repository!!

Xiinxala Ka’umsa Moggaasa Maqaalee Bakkeewwan Magaala Finfinnee Ganamaa Irratti Xiyyeeffate.

Show simple item record

dc.contributor.author Abdii, Balaay
dc.date.accessioned 2024-02-02T11:22:12Z
dc.date.available 2024-02-02T11:22:12Z
dc.date.issued 2023-02
dc.identifier.uri http://hdl.handle.net/123456789/3472
dc.description.abstract Matadureen qorannoo kana xiinxala ka’umsa moggaasa maqaalee bakkeewwan magaala Finfinnee ganamaa jedhun kan dhiyaateedha. Kaayyoon gooroo qorannoo kanaas ka’umsa moggaasa maqaalee bakkeewwan magaala Finfinnee kan ganamaa xiinxaluudha. Kunis moggasa maqaalee bakkeewwan magaala Finfinnee ganamaa maal-maal bu’uureeffatanii akka moggaafaman iyyaafachuun kan xiinxalamedha. Adeemsa qorannoo kanaaf malli akkamtaa kan filatame yemmuu ta’u, iddattoonnis tooftaa mitihiree keessaa mala akkayyoofi darba dabarsaatiin filatamaniiru. Akkasumas, meeshaleen funaansa ragaa qorannoo kanaaf filatame afgaaffiifi sakkatta’a dookimentii yoo ta’u, madda odeeffannoo qorannoo kanaas manguddoota Oromoo dhimmicha beekanifi kitaabilee dhimmicha waliin walqabatan qaama qorannichaa taasifateera.Oddeeffannoon iddattoota irraa karaa afgaaffiifi sakkattaa’a dookimentiin funaaname erga walitti qabamee boodaa mala akkamtaa hordofuun qaacceffameera. Walumaagalatti, ka’umsi moggaasa maqaalee bakkeewwan magaala Finfinnee ganamaa maqaa/sanyii nama, teessuma lafa, taateewwan bakkichatti ta’e, maqaalee burqaafi malkaa, maqaa bineensotafi bifa, wantoota naannoo sanatti biqilaniifi mukeewwan akka ta’e bira gahameera.Haaluma kana bu’uureeffachuun xiinxalliifi hiiknii ragaalee qorannoo kanaa qabxiiwwan argannoo armaan gadii kanneen ifa ta’eera.Moggaasaa maqaalee bakkeewwan Magaala Finfinnee maal maal akka ta'aniifi maal irrattii akka hundaa’aa turee aadaa, duudhaa, afaanfi seenaa isaa kan ibsuu akka qabaachaa tureefi itti fayyadamaa turan adda baheera.Ka'umsi moggaasa maqaalee bakkeewwan Magaala Finfinnee maqaa/sanyii namaa, teessuma lafa, taateewwan bakka sanaa, burqafi malkaa, maqaa bineensootafi bifa, wantoota naannoo sanattii baay‟inaan biqilaniifi mukeewwan, bu’uura godhachuun akka moggaafamaa ture hubachuun danda‟ameera.Moggaasni maqaalee bakkeewwan Magaala Finfinnee kan duriifi kan ammaa garaagarummaa qabaachuu isaarratti moggaasnii maqaa durii aadaa, duudhaafi safuu hawaasichaa bifa calaqissisuu danda’un kan moggaafame ta’usaafi kan yeroo ammaa immoo aadaa, duudhaafi afaan uummatichaa kan hin ibsine ta’u isaa hubachuun danda’ameera en_US
dc.language.iso ao en_US
dc.publisher Ambo University en_US
dc.subject Xiinxala Ka’umsa en_US
dc.subject Moggaasa Maqaalee en_US
dc.subject Bakkeewwan Magaala en_US
dc.title Xiinxala Ka’umsa Moggaasa Maqaalee Bakkeewwan Magaala Finfinnee Ganamaa Irratti Xiyyeeffate. en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search AmbouIR


Advanced Search

Browse

My Account