Abstract:
Qorannoon kun xiinxala qabiyyeeafoolaan afaan barsiisuu kitaaba barnoota Afaan Oromoo kutaa7ffaafi8ffaa irratti xiyyeefatedha. Kaayyoon gooroo qorannoo kanaas qabiyyee afoolaan afaan barsiisuu kitaaba barataa barnoota Afaan Oromoo kutaa 7ffaafi 8ffaa xiinxaluudha.Ka’umsi qorannoo kanaas, qabiyyee afoolaatiin afaan barsiisuun dhimma xiyyeeffannoo barbaadu waan ta’eef afoola kitaaba kana keessatti dhiyaate xiinxaluudha.Qorannoo kana gaggeessuuf mala qorannoo akkamtaatu (qualitative research method) hojii irra oolee jira.Mala kanatti fayyadamuun odeeffannoo funaanuun mata duree qorannoo waliin walsimatu kanneen akka xiinxala qabiyyee afoola kitaaba barattootaa qaacceeffamaniiru.Iddattoon qorannoo kanaas miti carraa ta’ee kaayyeffataadha.Meeshaa funaansa raga qorattuun fayyadame xiinxala dookumantiiti. Argannoon qorannoo kanaas;gosoonni afoolaa kanneen akka urursa daa’immanii, weedduu, geerarsa, mammaaksa, afwalaloo, dubbii qolaa,hiibboo, oduudurii, jechamoota, ciigoo,faaruu loonii fa’a.Qajeelfamoonni afoolaa dandeettiiwwan afaan barsiisuuf kitaabota kana keessatti dhiyaatan duraa duubaan yoo ilaalamu kan kutaa lamaanuu(7ffaafi8ffaa)xiyyffannoon dandeettiiwwanii kenname1ffaa dandeettii dubbisuu,2ffaa dandeettii dhaggeeffachuu,3ffaa dandeettii dubbachuufi 4ffaa dandeettii barreessuu akka ta’e xiinxala taasifameen kan bira gahamee yoo ta’u,gaaffileen gilgaalonni afoolaan Afaan barsiisuuf kitaaba barattoota kutaa7ffaafi 8ffaa keessatti dhiyaatan kanneen dandeettiiwwan afaanii adda addaa jalatti qoodamanii kan dhiyaatan yoo ta’u yaboon qorannoo kanaa;qabiyyeewwaan afoolaa kitaaba barattoota kutaa lamaan kana keessatti dhiyaatef ibsi maalummaa qabiyyee sanaa osoo kennamee gaarii ture.Akkasumas,dandeettiiwwan afaanii keessaa barattootni dubbachuufi dhaggeeffachuu barreessuufi dubbisuu caalaanibeeku,kannafuu osoo duraa duubni dandeettiiwwanii 1ffaa dubbisuu,2ffaa barreessuu,3ffaa dubbachuufi 4ffaa dhaggeeffachuu ta’ee gaarii ture.Gaaffileen gilgaalonni afoolaa dandeettiiwwan afaanii barsiisuuf kitaaba barattootaa keessatti dhiyaatan qabiyyeewwan biroo kitaaba kana keessatti dhiyaatan waliin yeroo ilaalaman xiqqaa waan ta’eef osoo xiyyeeffannoon kennameefi barattootni waa’ee afoolaa barachaa guddatanii gaariidha