Abstract:
Kaayyoo gooroon qorannoo kanaa hojiirra oolmaa mala barachuufi barsiisuu barataa giddugaleessa godhatee daree barnoota Afaan Oromoo kutaa 7ffaa xiinxaluudha. Malli qorannoo kana geggeessuu keessatti hojiirra oole mala makaadha. Malli iddatteessuu qorannichaas mala carraa tasaafi mala ammargeeti. Meeshaaleen funaansa ragaa qorannoo kanaa immoo afgaaffii, bargaaffiifi daawwannaa dareeti. Ragaaleen funaanamanis akkaataa walitti dhiyeenya yaada isaaniitiin walitti qindaa’anii bifa lakkoofsaafi ibsaatiin xinxalamaniiru. Argannoowwan qorannoo kanaa 1) tooftaaleen mala barataa giddugaleessa godhateen barsiisuu keessatti barsiisonni Afaan Oromoo kutaa 7 darbee darbee itti fayyadaman marii garee, marii cimdii, mala gaaffiifi deebii, akkasumas, hojii dhuunfaa barattoonni daree keessatti dhiyeessan fa’aa ta’uu, 2) malli barataa giddugaleessa godhate baay’ee hojiirra oolaa akka hin jirre, 3) Waantonni mala barataa giddugaleessa godhate kana hojiirra oolchuu irratti danqaa ta’an: baay’ina barattoota, dareen barnootaa mijataa ta’uu dhabuu, barsiisaan mala barsiisaa giddugaleessa godhateen barsiisuu filachuu, barattoonni mala kanaan barachuuf fedhii dhabuufi hanqina kitaaba barataa fa’aa dha. Kanaaf rakkoo kana furuuf, barsiisonni mala barataa giddugaleessa godhate fayyadamanii akka barsiisaniif, itti gaafatamtoonni manneen barnootaa gargaarsa barbaachisu osoo taasisanii bayeessa ta’a. Akkasumas, malli kun akka hojiirra oluuf barattoonni mala kanaan barachuu osoo shaakalanii, barsiisonni mala kana osoo hojiirra oolchanii, maatiin barattootaa osoo barattoota isaanii jajjabeessanii, manneen barnootaa barsiisonniifi barattoonni mala kana hojiirra akka oolchan osoo onnachiisaniifi waajirri barnootaa barsiisotaaf leenjiifi haaromsa gochuun barsiisonni mala kana akka fayyadaman kan taasisan osoo ta,eefi dareewwan dabalataa akka ijaaraman waajirri barnootaa osoo haala mijeessee gaarii ta’a. Kana malees, waantota mala barataa giddugaleessa godhate hojiirra oolchuu irratti danqaa ta’an hir’isuuf mootummaan irratti hojjechuun gaarii ta’a. Kana jechuun dareen barnootaa baay’inaan ijaaruun barattoonni dareetti akka walitti hin heddummanne taasisuufi malli kun hojiirra akka ooluuf waajirri barnootaa barattootaafi barsiisotaaf faayidaa malli barataa giddugaleessa godhate qabu hubachiisuuniifi leenjii adda addaa kennuun barbaachisaadha