WelCome to Ambo University Institutional Repository!!

Qaaccessa Ergaa Sirba Alii Birraa Barnoota Fi A--B: Ija Yaadiddama Faaydeessummaatiin

Show simple item record

dc.contributor.author Alamaayyoo, Sobbooqaa
dc.date.accessioned 2024-01-26T06:08:20Z
dc.date.available 2024-01-26T06:08:20Z
dc.date.issued 2023-04
dc.identifier.uri http://hdl.handle.net/123456789/3406
dc.description.abstract Ka’umsi qorannoo kanaa sirboota Alii Birraa qorataan qorannoo irratti gaggeesseefi sirboota isaa kanneen biroo irrattis qorannoon bal’inaan gaggeeffame waan hin jirreef sirboota filate kana irratti qorannoo gaggeessee ergaa isaa xiinxalee ifa gochuudha. Kaayyoon qorannoo kanaa walaloo sirboota Alii Birraa”BarnootaafiA--B’ jedhu ija yaadiddama faayidessummaatiin qaaccessuu irratti kan xiyyeeffatedha. Saxaxni qorannoo kanaas saxaxa ibsaa yoo ta’u, tooftaalee iddatteessuu miti carraa keessaa tokko kan ta’e iddatteessuu akkayyootti fayyadame. Qorannoon kun tooftaalee funaansa ragaatti dhimma baheera. Ragaaleen funaannaman kunis malleen qorannoo jiran keessaa mala qorannoo akkamtaatti gargaarramuun qaacceffamanii jiru.Adeemsota kana hordofuun walaloon sirba kanaa wal duraa duubaan qaacceffamanii dhiyaataniiru.Haala kanaan bu’aan qorannoo kanaa akka mul’isutti ergaawwan sirboota Alii Birraa keessatti argaman: Xiyyeeffaannoo qabiyyee Sirboota Alii Birraa filatamanii ilaalchisee sirboonni kun edda qaacceffamanii booda xiyyeeffannoon isaa, eenymmaa hawaasummaa, dinagdee, Aadaa, akkasumas wal gitiinsaafi waliin gahiinsa barnootaa kan ilaallatu ta’uun qorannoo kanaan bira gahameera. Gumaacha sirbootni filataman uummata Oromootiif qaban ilaalchisee, ilaalcha hawaasni barnootaaf qabu jijjiiruu, yaada hawaasni durumaan barnootaaf qabu cumsuu, uummatni waliin marii akka cimsu taasisuu irratti kan gumaache ta’uu qorannoodhaan bira gahameera.Ergaawwan sirboota filataman kanaan darban ilaalchisee,Afaan Oromoo afaan barreeffamaa taasisuu, Afaan Oromootiin qorannoo gaggeessuufi afaan kana afaan saayinsiifi teeknooloojii taasisuu kan jedhan qorannoo kanaan bira gahameera. Kana malees kallattii gara fuuladuraa ykn yaboo keessatti qorataan waan ta’uu qabu kaa’een sirboonni Alii birraa hedduu ta’anillee kan qorannoon irratti gaggeeffame baay’ee waan hin jirreef qorannoon bal’inaan otoo irratti gaggeeffamee gaarii ta’uu; Yuunivarsiitiin Amboo hayyootas baajetas gahaa waan qabuuf osoo hojii artistii kanaa bal’inaan qoratee ifa baasee gaarii ta’uufi eebbifamtoonni yuunivarsiitii yeroo baay’ee sirboota siyaasaa filachuurra sirboota ergaa dhimma barnootaa,dinagdee, hawasummaa, aadaafi kkf cimsuu ilaallatan irratti qorannoo otoo gaggeessanii gaarii ta’a kan jedhu kaa’ameera en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Ambo University en_US
dc.subject Qaaccessa en_US
dc.subject Ergaa Sirba en_US
dc.subject Alii Birraa Barnoota en_US
dc.title Qaaccessa Ergaa Sirba Alii Birraa Barnoota Fi A--B: Ija Yaadiddama Faaydeessummaatiin en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search AmbouIR


Advanced Search

Browse

My Account