| dc.description.abstract | Qorannoon kun mata duree “Qaacceessa Ergaa Ogafaan Ayyaana Irreecha Tulluu Annannoo
Godina Shawaa Dhihaa Aanaa Dandii” jedhurratti geggeeffame. Kaayyoo gooroon qorannoo
kanaas ergaa ogafaan ayyaana Irreecha Tulluu Annannoo qaacceessuudha. Kaayyoo kana 
galmaan gahuuf, malli qorannoo akkamtaa hojii irra ooleera.Maddi ragaalee qorannoo kanaa 
madda ragaa tokkoffaati. Innis manguddoota Oromoo Aanaa Dandii keessatti argaman kanneen 
kabaja ayyaana Irreecha Tulluu Annannoo irratti hirmaataniifi hubannoo bal’aa kan
qabanidha. Akkasumas, malli iddatteessuu qorannoo kanaa mala iddeetteessuu carran alaa 
ta’ee kaayyeeffataadha. Sababni isaas qorataan namoota ragaa kennuu danda’an filatee itti 
fayyadamuu waan danda’ee fidha. Qorannoo kana geggeessuu keessatti meeshaaleen ragaalee
funaanuuf dhimma itti ba’aman afgaaffii, marii gareefi daawwannaadha. Argannoon qorannoo 
kanaas, ergaan ogafaan galateeffannaa ayyaana Irreecha Tulluu irratti dhiyaatu rakkoowwan 
waqtii Bonaa keessa mudate keessaa nama baasee roobaafi jiidha Arfaasaatiin kan gahe
galateeffachuufdha. Akkasumas, ergaan ogafaan kadhannaa kabaja ayyaana Irreecha Tulluu 
yeroo roobni roobuu didee lafti gogu akka roobuufi bara lolli hammaatu biyyi nagaa akka 
taatu’u dabarsuudha. Dabalataanis, kan wanta gara fuulduraatti barbaadaniifi hawwan Waaqa 
irraa argachuuf kan gaggeeffamu yookiin kadhatamudha. Akkasumas, faaruun Irreechaa Tulluu 
ardaa jilaa wiirtuu ardaa jilaa Oromoon bahee itti Waaqa galateeffataniifi kadhatan kan 
ofkeessaa qabudha. Hayyoonni hawaasa Aanaa Dandii kanneen akka jaarsoolii biyyaa, abbootii 
Gadaa, haawwan siiqqee waa’ee galateeffannaa, kadhannaafi faaruuwwaan ayyaana Irreecha 
Tulluu irratti dhiyaate akka hin dagatamneef ilmaan isaanii qabsiisuun dhalootatti dabarsuu 
qabu. Barreesitoonni Oromoo duudhaa ogafaan ayaana Irreecha Tulluu ilaalchisee jiru irratti 
qorannoo bira darbanii kitaabota irratti maxxansuun bu’aa isaanii karaa sabaa himaaleetiin 
hawaasa bal’aa biraan gahuu qabu. | en_US |