Abstract:
Kaayyoo gooroon qorannoo kanaa sirna kabaja Ayyaana Hulluuqqii Bokkuu Jiituu qaaccessuudha. Kaayyoo kana galmaan ga’uuf mala qorannoo akkamtaa ibsaatti dhimma bahuun yaadiddamoota haalawaa, hiikaafi xiinsammuu bu’uura godhachuun adeemsifame. Malli iddatteessuu qorannoo kanaa mala iddatteessuu miti-carraa keessaa mala iddatteessuu kaayyeffataafi darbaa dabarsaati. Ragaaleen qorannoo kanaaf barbaachisan madda ragaa tokkooffaarraa meeshalee funaansa ragaalee af-gaaffii gamisaan caaseffamaa, daawwannaafi marii garee xiyyeeffatamaa fayyadamuun funaanamaniiru. Akka qaaccessi ragaalee agarsiisanitti, sirni kabaja Ayyaana Hulluuqqii Bokkuu Jiituu adeemsa mataasaa kan qabuufi gulantaalee sadi keessa darbuun kan kabajamu ta’ee gulantaalee sadan kana keessatti falaasamni Oromoo eenyummaa hawaasicha ibsan wal duraa duubaan akka raawwataman bira gahameera.Sirna kabaja ayyaana kanaarrattiogafaan ergaa garaagaraa dabarsan akkasumas fakkoommiwwaan gochaafi meeshaalee calaqqee eenyummaa Oromoo agarsiisaan akka mul’atan adda bahaniiru. Sirna kabaja ayyaana kanaarratti wantoonni raawwataman hundi hariiroo hawaasaa kan cimsan, safuufi aadaa hawaasichaa kan barsiisaniifi muuxxannoo dhaloota darbee dhaloota si’anaaf qooduurratti gahee olaanaa kan qabanitu wal durduuba raawwatama. Ayyaana kana ayyaaneffachuuf gochoonni raawwatamaniifi meeshaaleen sirni kun ittiin gaggeeffamu hundi ergaafi fakkoommii mataasaanii kan qaban akkasunas falaasamaafi beekumsa hawaasichaa baasanii kan mul’isan ta’uu adda baheera. Raawwiin sirna kabaja ayyaana kanaa gama hawaasummaa,gama dinagden, gama siyaasaafi gama xiinsammuun shoora olaanaa waan qabuuf sonawwan aadaa kun akka hin banneefi faayidaawwan kunneen akka hin dhabamneef qaamni dhimmi ilaallatu hundi tumsa barbaachisu osoo taasisee gaariidha.