Abstract:
Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa asoosama Hawwii ija yaaxxina dhugummaan xiinxaludha. Qorannoo kana gaggeessuuf dhimmoonni akka ka’umsaatti qorataa kakaasan hanga yoonaatti qorannoon yaaxxinoota bu’uureffachuun asoosamoota Oromoorratti gaggeeffaman quubsaa kan hintaaneefi hanga qorataan kun sakatta’etti qorannoo hedduun yaaxxina dhugummaatiin fayyadamuun asoosamoota Oromoorratti kan hindalagamne ta’uu isaati. Dabalataanis, asoosamni Hawwii seenaa dhugaa uummata Oromoorratti raawwate irratti xiyyeeffatee waan barreeffameefi. Haaluma kanaan yaaxxina dhugummaatiin dhimmoota asoosama seenaa Hawwii keessatti barreeffaman addunyaa dhugaa keessatti walitti hidhata cimaa waan qabuufi asoosama filatame keessaa hafeewwan kaayyoo gooree qorannichaa ibsuu danda’an fudhachuun xiinxalli irratti gaggeeffameera. Malli qorannoo kanaaf qorataan dhimma itti bahe mala qorannoo akkamtaa yoo ta’u, maddi ragaa qorannoo kanaa madda ragaa tokkoffaa yoo ta’u, maddi ragaa kunis kitaaba asoosama Hawwiiti. Iddattoon qorannichaas asoosama Hawwii yoo ta’u innis mala iddatteessuu kaayyeffataatti dhimma baheera. Argannoowwan qorannoo kanaas, sirnoonni abbaa irree kanneen daangaa ce’anii gara lafa Oromoo dhufan, qabeenya uummata Oromoo abshaalummaan akka saaman, dhimmoota hawaasummaa keessaa:hariiroon waliin jireenya uummata Oromoo, jaalalaafi inaaffaa qorannoo kanaan bira gahameera. Gama dhiibbaa Afaan Oromoo immoo, afaanichi tuffatamuun sirna barnootaa keessa akka hin galleef dhorkamaa turuu, aadaan saba Oromoo sirnoota kanaan akka sarbame, akkasumas amantiin ganamaa uummata Oromoo amanatii Kiristaanaafi Isilaamaatti akka jijjiirameefi keessumaa kan uummata Oromoo Wallaggaa daba gita bittaatiin jijjiiramaa akka dhufe qorannoo kanaan bira gahameera. Kana malees, maqaan magaalota Oromiyaa baay’een isaanii maqaa ganamaa isaaniif moggaafame akka jijjiiramu ta’uu, ilaalchi jibbiinsaa Oromoorratti ta’an kanneen akka: namummaa isaa titiisaatti fakkeessuu, afaan isaa afaan simbiraatti fakkeessuufi olaantummaan bulchiinsa siyaasaan harka isaaniitti galfachuun dhiibbaan saba Oromoorratti ta’usaa xiinxala qorannoo kanaan bira gahameera. Haaluma kanaan, qorataan kunis barreessaan asoosama kanaa seenaa dhugaa hawaasa Oromoo sirnoota Minilikiifi Hayila Sillaaseen Wallaggaarratti raawwate xiyyeeffachuun barreesse. Kanaaf, qorataan kunis osoo barreessitoonni ogbarruu Oromoo seenaa Oromoo mara giddu galeeffachuun barreessanii gaarii ta’a. Xumura qorannichaarratti kitaabilee ogbarruu Oromoorratti yaaxxina dhugummaatiin xiinxalli bal’aan akka gaggeeffamu yaboon kaa’ameera.