Abstract:
Qorannoon kun Duudhaa Hawaasaa sirna kabaja ayyaana Boorantichaa keessatti argaman kutaa magaalaa Koyyee Faccee Aanaa Galaan Arraabsaa xisinxaluu irratti kan xiyyeeffatedha. Qorannoo kana gaggeessuudhaaf waanti qorataa kana kakaase dhimmi hawaasaa kun duudhaawwan inni ofkeessaa qabu qoratamee akka ifa ba‟uufidha. Qorannoon kunis sirna kabaja ayyaana Boorantichaa keessatti Duudhaa Hawaasaa sirnichaa keessatti mul‟atan xiinxaluun ragaalee madda adda addaarraa argate, mala qorannoo akkamtaatti gargaaramee xiinxaleera. Kunis, odeeffannoon guurame ibsaan ykn hiika kan argate ibsaan waan ta‟eefidha. Kanuma irraa ka‟uun saxaxni qorannoo kanaas qorannoo akkamtaadhaan kan hojiirra ooledha. Madda ragaa tokkoffaa fayyadamuun malli iddattoo qorannoo kanas mala iddeetteessuu miti-carraa keessaa mala akkayyoofi darbaa dabarsiitti dhimma ba‟ameera. Gosti qorannoo kanaas qorannoo ibsaatti gargaaramuun dhihaannaa akkamtaatiin malleen funaansa ragaalee kanneen akka afgaaffiin namoota umuriin isaanii ture, marii gareefi qaamaan argamuun daawwannaatti gargaaramuun qaacceessa ragaa dhihaannaa akkamtaatiin odeeffannoon kan xiinxalamedha. Adeemsa kana hordoofuun argannoowwan qorannoo kanaan bira ga‟aman Sirna raawwii ayyaana Boorantichaa keessatti Duudhaan Hawaasaa sirna kabaja ayyaana Boorantichaa daddarbaa, muudaa, dhibaayyuu, qalma, ixaana aarsuu, haati manaa mataa hoolaa qabuu, dhiiga qocuu, aarsaa/ galata dhiheessuu, hoolaa margaan tuquu, eebbaa eebbisuufi kadhannaa taasisuu yoo ta‟uu, hiika duudhaawwan hawaasaa keessaa Marga Jiidhaa/Coqorsa harkatti qabachuun Waaqa kadhachuun Araara Waaqaaf, Galii Cabaatti fayyadamuun caba namaas ta‟ee horii natti lagachuuf, Hoolaa Gurraacha Addaa Bulloo qaluun gannaa isa sodaachisaafi Birraa ifatti akka ba‟aniif, mooraa loonii keessatti ta‟uun horiin akka horaniif, Buqqee ykn Qabeetti Farsoo naquun cubbuu namaafi horiirraa lagachuuf, Dhoqqee Horii Mooraa keessa kaa‟uun horiin isaaniif horaniifi nagaa akka ta‟aniif yoo ta‟u, faayidaa inni hawaasichaaf kennu aadaafi duudhaa hawaasaa cimsuu, barsiisuu, miliqsuu, amala sirrii ta‟e hawaasa keessatti ittiin dagaagsuufi hariiroo/walitti dhufeenya hawaasaa cimsuuf akka oolu ta‟uun isaa bira ga‟ameera. Dhumarratti qorannoon kun Duudhaa Hawaasaa sirna kabaja ayyaana Boorantichaa keessatti argaman xiinxaluun faayidaa hedduu hawaasa kanaaf waan buusuuf namoonni hundi dirqama irraa eegamu bahuun duudhaa hawaasaa sirna ayyaana Boorantichaa kun akka turu taasisuun dhaloota boruuf bu‟uura ta‟uu daanda‟a waan ta‟eef osoo irratti hojjatamee kan jedhu yaada qo‟ataati.