dc.description.abstract |
Qorannoon kun mataduree ‘Xiinxala ergaa geerarsa xiiqii’ irratti xiyyeeffachuun gaggeeffameera. Kaayyoon gooroo qorannichaas ergaa geerarsa xiiqii xiinxaluudha`. Malli qorannichi itti adeemsifame mala qorannoo akkamtaati. Maddoonni ragaa qorannichaa madda ragaa tokkoffaadha. Kunis maanguddoota geerarsa xiiqiirratti beekumsa yookiin muuxannoo qabanfi hojjettoota Waajjira Aadaaf Turiizimii aanaa Walmaraa ti. Malli iddatteessuu qorannoo kana keessatti dhimma itti bahame mala iddatteessuu darbaa dabarsaafi mala akkayyooti. Meeshaan funaansa ragaa qorannichaa immoo afgaaffiifi marii gareeti. Argannoowwan qorannichaa, ergaawwan geerarsa xiiqii kanneen akka geerarsa xiiqii lolaaf xiiqeffachuu, hojii misoomaaf xiiqeffachuu, hiriyyaa amala gaarii hin qabnerraa fagaachuuf xiiqeffachuu, hiyyuma keessaa ba’uuf xiiqeffachuu, roorroo keessaa ba’uuf xiiqeffachuufi cimanii hojjechuuf xiiqeffachuu ta’uu adda baheera. Yoomessa geerarsi xiiqii keessatti geeraramus ibsameera. Faayidaa geerarsi xiiqii jiruuf jireenya hawaasaa keessatti qabus adda baheera. Ergaan geerarsa xiiqiin darbu adda bahee ibsameera. Akkasumas ergaan geerarsa xiiqii gama siyaasaatiin, gama of barsiisuutiin, gama misoomaatiin akka fayyadu bira gahameera. |
en_US |