WelCome to Ambo University Institutional Repository!!

Xiinxala Mammaaksota Oromoo Hiyyuummaa Agarsiisan: Godina Shawaa Kibbaa Lixaa, Aanaa Daawooxiyyeeffachuun

Show simple item record

dc.contributor.author Maazangiyaa, Birhaanuu
dc.date.accessioned 2023-12-14T08:17:51Z
dc.date.available 2023-12-14T08:17:51Z
dc.date.issued 2023-05
dc.identifier.uri http://hdl.handle.net/123456789/3196
dc.description.abstract Kaayyoon qorannoo kanaa Ergaa mammaaksa oromoo hiyyuummaatti xiyyeeffate Godina shawaa Kibbaa Lixaa Aanaa Daawoo qaaccessuudha. Kaayyoo kana milkeessuuf malli qorannoo akkamtaan kan hojiirra oolee yemmuu ta’u maddi odeeffannoo qorannichaa madda ragaa tokkoffaadha.Akka madda ragaa tokkoffaatti kanan itti gargaarame kallattii waajjira aadaafi turiizimii aanaa Daawoo kana bu’uura godhaachuudhaan kaayyoo koo irratti hundaa’ee hawaasa aanichaa fi namoota mammmaksa oromoo irratti hubanoo qaban irraa odeeffannoo funaanuun dhimma itti bahaameera.Malli iddattoo qoranichaa mala iddattoo miti carraati. Gosa iddattoo miti carraa keessa kaayyeeffataafi darbaandabarsatti dhimma bahamuun namoota kudhan irraa odeeffannoo funaanuun qaacceffameera.Akkasumas,meeshaaleen funaansi ragaalee hojiirra oolan af-gaaffii fi marii gareen yoo ta’u ragaaleen mala kanaan waliitti qabaman tooftaa qorannoo akkamtaatti fayyadamuun qaacceffameera.Dabalataanis, mammaaksa oromoo hiyyummaarratti xiyyeeffatee mammaakamu ergaa inni qabu nama hiyyeessa ta’e yoo gorfame akka xiiqii isaati horamee hojiitti cimee sooromuu gochuuakka danda’u waan hojjetee argate akka yeroo hunda qusannaan qabatee yoo itti fayyadame qabeenya horachuu akka danda’u mammaaksaan hamilee itti horuun kaka’umsa akka horatu gochuun hubatameera.Kunis mammaaksi hiyyummaa irratti xiyyeeffatamanii mammaakaman dhimmoota kan akka gorsaa,qusannaa akeekkachiisuu,tuffii, dhibaa’uufi kkf. kan of keessatti hammatu akka ta’e bira gahameera. Dabalataan immoo, yoomeessa akkamii keessatti akka mammaakamu bakki rakkoo diinagdee wajjiin wal qabsiisuun namoonni lamaafi isaa olitti argamanitti kan mammaakamu ta’uu isaa, faayidaa ergaa mammaaksa oromoo hiyyummaarratti xiyyeeffate hiyyeessi hiyyummaa keessaa tattaafatee akka bahuuf xiiqii itti horuun hojiitti galchuu akka danda’uuf qabeenya horachuu soorummaa keessa galu agasiisa. en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Yunivarsiitii Amboo en_US
dc.subject Xiinxala en_US
dc.subject Mammaaksota Oromoo en_US
dc.subject Godina Shawaa en_US
dc.title Xiinxala Mammaaksota Oromoo Hiyyuummaa Agarsiisan: Godina Shawaa Kibbaa Lixaa, Aanaa Daawooxiyyeeffachuun en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search AmbouIR


Advanced Search

Browse

My Account