dc.description.abstract |
Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa asoosama Yeroon Siif Haadhiiftu yaadiddama diiganii ijaaruutiin xiinxaluudha. Qorannoo kana geggeessuuf waanti qorataadhaaf ka‟umsa ta‟e, xiyyeeffannoo dhabuu qorannoo qeeqa ogbarruuti. Keessattuu qorattoonni yaadiddama diiganii ijaaruu gargaaramuun asoosamoota Afaan Oromoo xiinxaluun xiyyeeffannoo kan hinarganne ta‟uusaati. Ogbrruun imaammata qeeqa ogbarruu dhabuun ammoo hojii ogbarruu cimsuu keessaati laafiinni jiraachu kan agarsiisudha. Qorannoon kun mala qorannoo akkamtaatti gargaaramuun kan adeemsifame yoo ta‟u, malli iddatteessuu dhimmi itti ba‟ame ammoo mala kaayyeffataati. Maddi ragaa qorannoo kanaas, madda ragaa tokkoffaa yoo ta‟u, maddi ragaa tokkoffaa kunis, kitaaba asoosama Yeroon Siif Haadhiiftuuti. Malli funaansa ragaa dhimma itti ba‟ame immoo mala xiinxala barruuti. Goolaba qorannoo kanaa keessatti lakkuuwwan faallaan asoosamicha keessatti argaman kanneen akka dhiira/dubartii fuudhaafi heeruma qabeenya bu‟uura godhate fuudhaafi heeruma amala gaarii bu‟uureffate, Isilaamaa/Kiristaana eenyummaa namfakkiiwwanii Solomooniifi Yeroon mul‟achuun bira ga‟ameera. Akkasumas dhimmoonni aadaafi hawaasummaa seeneffama asoosamichaa keessatti seenaa nafakkiiwwaniitiin aadaan akkamiin hawaasa keessatti dhiibbaa olaantummaa dhiiraafi gadaantummaa dubartii jraachuun adda ba‟eera. Itti dabalees dhaaba dhabuun hiikini barricha keessa jiru kan hiika dhaabbataa fakkaatee jiru, amala dhabeessa kana amala qabu dureessa kan jedhame hiyyoomee kan rakkoo keessatti kufe duroomuun hiikni dhaabbii akka hin qabne agarsiifameera. Kanaaf qorattoonni biroo gooroowwan ogbarruu Afaan Oromootiin hojjetaman irratti kallattii yaadiddama diiganii ijaaruutiin hojjechuun dhaabadhabuu hiikaa faayyadamuun ogbarruun jireenya addunyaa dhugaa agarsiisuuf qabu, dhimmoonni aadaan walqabatanii hawaasa keessatti beekaman dhiibba akkamii akka qaban qorachuun barbaachisaa ta‟a. |
en_US |