dc.description.abstract |
Kaayyoon gooroon qorannoo kanaa Sirba Gadaa Oromoo Maccaa Godina Shawaa Lixaa Aanaa Jalduu xiinxaluu dha.Kaayyoo kanaa galmaan ga'uufis malli qorannoo kana gaggeessuu keessatti dhimma itti bahames mala qorannoo akkamtaati.Maddi ragaa qorannoo kanaa miseensota Gadaa sirba Gadaa Oromoo Maccaa irratti muuxannoo gahaa qabanii dha.Malli iddatteeesssuu qorannoo kana gaggeessuu keessatti dhimma itti bahame mala iddatteesssuu kaayyeffataafi mala iddatteessuu darbaan dabarsaati.Qorannoo kana adeemsisuu keessatti meeshaaleen funaansa ragaa qorataan itti fayyadame, sakkatta'a dookumeentii,af-gaaffii fi marii garee dha.Argannoowwan qorannoo kanaan bira gahamanis Ummatichi Sirba Gadaa keessatti foolleen foollisuu,Haaduu dhaqna ittiin qabatan,Obboleettiin gurra urtuu,Dhugoo gurratti kaawwatan,Gaachanaafi Eeboo ittiin sirbanii dha.Yaboon qorataa kanaan lafa kaa'ames Waajjirri aadaafi tuurizimii Aanaa Jalduu osoo sirba Gadaarratti qorannoo gadi fageenya qabu gaggeessuun bifa barreeffamaan dhaloota dhufuuf dabarsuun dhaloota dhufuu dhaalchisuu qaba. |
en_US |