dc.description.abstract |
Kaayyoon qorannoo kanaa xiinxala af-seenaa Oromoo dubartoota ilaalchisee himaman Godina Shewaa
Lixaa Aanaa Tokkee Kuttayee keessatti akkamiin akka ergaa dabarsu irratti hudaa’uun qoqqooduufii
xiinxaluudha.Qorattuun qorannoo kanaaf kan ishee kakaases: yeroo ammaa kana sababa sabahimaalee
gara garaatti fayyadamuurraan kan ka’e af-seenaattii baay’inaan fayyadamuun laafaa deemuurraan kan
ka’e ergaan af-seenaa keessa jiru dhokatee akka hin hafne xiinxalee barreeffamaan olkaa’uufidha.
Kaayyoon qorannoo kanaa, ergaa af-seenaa Oromoo dubartoota ilaalchiisee himaman xiinxaluudha.
Maddi ragaa qorannoo kana uummata Aanaa Tokkee Kuttaayee hunda isaan keessa namoota af-seenaa
kana irratti hubannoo qabanii jaarsolii umuriin bulaniifi hadholii gandoota aanichaa keessa filataman
kan hammteedha. kanaaf yaadxina afoolaa jiran keessaa fiminziimmii buureffadheerra. Qorannoo kana
galmaan ga’uuf hirmaattonni beekumsa afoola qabu jedhamanii hawaasa keessatti beekaman 30 ta’an
gandoota 10 Aanichaa keessaa mala iddateessuu kaayyeeffata (purposive sampling) fi mala iddatteessuu
darbaan dabarsaatii dhimma bahuun dhiiraafi dhalaa irraa filatamanii jiru. Meeshaaleen funaansa
ragaalee kan akka afgaaffii hin caaseffammiin, marii garee xiyyeeffannoon faayidaarra oolaniiru.
Argannoon irra gahamees, akka ragaaleen malleen kanneeniin funaannaman muldhisanitti, dhimmi
dubartoota dhokatee, hundee jabeeffatee, miidhaa kan geessisu afoola keessatti. Af- seenaa hedduun
dubartotarratti ergaa siirrii hindabarsani Dubartoonni ga’umsa siyaasa akka hinqabneetti, murtii kennuu
akka hindandeenyeetti, akka diinaatti, salphaan gowwoomuufi sababeessuu akka hindandeenyeetti hojii
illee dhiiraa qixa hojeechu akka hindandeenyeet seeneffamani. Haa ta’u malee, af-seenaa murtaa’oon
dubartiif ergaa sirrii qabanis ni jiru. Af-seenaa cimina dubartii gama hawaasummaan keessatti
waldhabbii furuu bakka guddaa qabaachaa akka turte ibsu.Hayyoonni ogbarruu, xiinsammuu, xiinqooqaa
falaasama Oromoo irratti hirmaatan dhimma kana xiyyeeffannoo keessa galchuun bifa barreeffamaatiin
kaa’uudhaan ergaa isaa hawaasa yoo hubachiisan yaada furmaataa ta’uu danda’a. Gama biroon af seenaan oromoo gara garaa dubartoota ilaalchisanii seeneffaman bifa barreeffamaatiin taa’anii akka
hojii irra oollan taasisun qaamoolee dhimmi isaa ilaallatuun osoo furmaatni itti kennamee gaariidha. |
en_US |