WelCome to Ambo University Institutional Repository!!

Xiinxala Raawwii Sirna Gindii Cufaa: Haala Godina Shawaa Lixaa, Aanaa Tokkee Kuttaayee

Show simple item record

dc.contributor.author Birhaanee, Kabbadaa
dc.date.accessioned 2023-08-15T12:01:45Z
dc.date.available 2023-08-15T12:01:45Z
dc.date.issued 2023-10
dc.identifier.uri http://hdl.handle.net/123456789/2880
dc.description.abstract Raawwiin sirna gindii cufaa sirnoota uummata Oromoo biratti beekamoo ta’an keessaa isa tokkodha. Haata’u malee, yeroo ammaa kana sababa garagaraarraa kan ka’e aadaan kun dagatamaa jira. Qorannoo kun akka gageeffamuuf kan sababa ta’e yeroo ammaa dhaloonni haaraan Aanaa Tokkee Kuttaayee raawwii sirna gindii cufaa dagachaa waan jiruuf, aadaa kana barreeffamaan lafa kaa’un badiirraa oolchuufi. Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa immoo raawwii sirna gindiicufaa Godina Shawaa Lixaa Aanaa Tokkee Kuttaayee xiinxaluun adeemsi raawwii sirna kanaa maal akka fakkaatu ibsuu, sirni gindii cufaa eenyu eenyu fa’aa akka hirmaachisu qorachuu, fayidaa kabajni sirna kanaa hawaasaaf buusu qorachuufi yeroo amma kana sirni gindii cufaa akka Aanaa Tokkee Kuttayeetti sadarkaa akkamiirra akka jiru ibsuudha. Kana milkeessuuf mala qorannoo akkamtaatti dhimma kan bahame yommuu ta’u, iddatteessuu mitcarraa keessaa malli ‘akkaayyoo’fi malli‘darbaa dabarsaa’ hojiirra oolaniiru. Meeshaalee funaansa ragaalee keessaa afgaaffii gartokkeen caaseffamaa, marii garee, galmee sakatta’uufi daawwannaatti dhimma bahamuun ragaaleen guuraman mala akkamtaan xiinxalamaniiru. Akka bu’aan qorannoo kanarraa argame mul’isutti raawwiin sirna gindii cufaa taateewwan kanneen akka qonna xumuruu, sangaatti kalaalaa maruu, gindii ykn qanbarrii dalaga galchuun hulaa cufuu, eebba, dhangaa, gindii furuufi fannisuu, sangoota dhiquufi kaloo haaraa dheechisuufi kkf ofeessatti hammata. Raawwiin sirna gindii cufaa waleebbisuufi walgalateeffachuu qaba, karooraa hojjechuuf nama kakaasa, miira waldorgommiifi aadaa walgargaarsaa uuma, egeree ofii Rabbitti imaanaa kennachuuf hiree uuma, aadaa ofii dhaloota dhufu dhaalchisuu keessatti ga’ee qaba. Gama biraatiin, sirni gindii cufaa maatiifi ollaa faana kan kabajamu yoo ta’u yeroo ammaa kana sababa hammayummaa, dhiibbaa amantaafi diinagdeerraa kana ka’e dagatamaa jira. Argannoo qorannichaa bu’uureffachuun raawwii sirna gindii cufaa gadi fageenyaan qoratanii bifa barreeffamaatiin olkaa’uufi hawaasni harcaatii malee aada boonsaa kana akka kabajatuufi dhalootaa dhalootatti dabarsuuf hubannoo uumuun barbaachisaadha en_US
dc.language.iso ao en_US
dc.publisher Ambo University en_US
dc.subject Xiinxala en_US
dc.subject Raawwii Sirna Gindii en_US
dc.title Xiinxala Raawwii Sirna Gindii Cufaa: Haala Godina Shawaa Lixaa, Aanaa Tokkee Kuttaayee en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search AmbouIR


Advanced Search

Browse

My Account