Abstract:
Kaayyoon qorannoo kanaa Ergaa mammaaksa oromoo hiyyuummaatti xiyyeeffate
Godina shawaa Kibbaa Lixaa Aanaa Daawoo qaaccessuudha. Kaayyoo kana milkeessuuf
malli qorannoo akkamtaan kan hojiirra oolee yemmuu ta’u maddi odeeffannoo
qorannichaa madda ragaa tokkoffaadha.Akka madda ragaa tokkoffaatti kanan itti
gargaarame kallattii waajjira aadaafi turiizimii aanaa Daawoo kana bu’uura
godhaachuudhaan kaayyoo koo irratti hundaa’ee hawaasa aanichaa fi namoota
mammmaksa oromoo irratti hubanoo qaban irraa odeeffannoo funaanuun dhimma itti
bahaameera.Malli iddattoo qoranichaa mala iddattoo miti carraati. Gosa iddattoo miti
carraa keessa kaayyeeffataafi darbaandabarsatti dhimma bahamuun namoota kudhan irraa
odeeffannoo funaanuun qaacceffameera.Akkasumas,meeshaaleen funaansi ragaalee hojiirra
oolan af-gaaffii fi marii gareen yoo ta’u ragaaleen mala kanaan waliitti qabaman tooftaa
qorannoo akkamtaatti fayyadamuun qaacceffameera.Dabalataanis, mammaaksa oromoo
hiyyummaarratti xiyyeeffatee mammaakamu ergaa inni qabu nama hiyyeessa ta’e yoo
gorfame akka xiiqii isaati horamee hojiitti cimee sooromuu gochuuakka danda’u waan
hojjetee argate akka yeroo hunda qusannaan qabatee yoo itti fayyadame qabeenya horachuu
akka danda’u mammaaksaan hamilee itti horuun kaka’umsa akka horatu gochuun
hubatameera.Kunis mammaaksi hiyyummaa irratti xiyyeeffatamanii mammaakaman
dhimmoota kan akka gorsaa,qusannaa akeekkachiisuu,tuffii, dhibaa’uufi kkf. kan of keessatti
hammatu akka ta’e bira gahameera. Dabalataan immoo, yoomeessa akkamii keessatti akka
mammaakamu bakki rakkoo diinagdee wajjiin wal qabsiisuun namoonni lamaafi isaa olitti
argamanitti kan mammaakamu ta’uu isaa, faayidaa ergaa mammaaksa oromoo
hiyyummaarratti xiyyeeffate hiyyeessi hiyyummaa keessaa tattaafatee akka bahuuf xiiqii itti
horuun hojiitti galchuu akka danda’uuf qabeenya horachuu soorummaa keessa galu
agasiisa.