dc.description.abstract |
Qorannoon kun Xiinxala Faaruu Ayyaana Loonii Godina Shawaa Lixaa Aanaa Calliyaa irratti xiyyeeffata. Akkan matadure “Ergaa Faaruu Ayyaana Loonii Godina Shawaa Lixaa Aanaa Calliyaa” jedhu irratti qoradhu kan na kakaases faaruu loonii dhalootaa dhalootatti dabarsuun dagatamaa dhufuufi barreeffamaan dhabamuudha. Maddi ragaa qorannichaa hawaasa Aanichaa keessaa manguddoota irraatti kan hundaa’edha. Haaluma kanaan, namoota faaruu ayyaana loonii irraatti hubannoo qaban mala iddatteessuu miti carraa keessaa mala kaayyeeffataa filachuun iddatteesseera. Qoratichis meeshaalee funaansa ragaalee kanneen akka: af-gaaffii, marii gareetiifi daawwannaatti dhimma baheera. Qorannoon kun gosa qorannoo qulqulleeffataa yoo ta’u, mala akkamtaatti dhimma bahuun ragaan argame bifa ibsaatiin qaacceffameera. Haaluma kanaan faaruun ayyaana loonii ergaa garaa garaa kan qabu yoo ta’u ergaan isaa kallattii garaa garaan ibsameera. Ergaan kunis kallattii dinaagideen, kallattii hawaasummaan,gama mararteen,gama leellisuun,gama faayidaa fi kunuunsaatiin fa’i. Qorannoo kanaan argannoon argamanis: Faayidaan faaruu ayyaana loonii hirmaattotni ergaan garaa garaa hawaasicha fayyadu karaa ittiin darbuu fi ittiin wal hubachiisan ta’uu bira gahameera. Akka yaada furmaataatti biiroo aadaa fi tuurizimii Aanaa Calliyaa haala kabaja ayyaana loonii waraabbii adda adda taasisee osoo dhalootaaf kaa’e, Biiroon Barnoota Oromiyaa faaruuwwan loonii godinaalee garaa garaa keessaa funaanee qabiyyee barnootaa keessa osoo galche, artistoonnii fi bareessistoonni osoo faaruu ayyaana loonii qorachuun barreessuun bifa kitaabaan osoo ka’anii, dhaloonni abbootii isaa jala taa’ee faaruu ayyaana loonii osoo barate dhalootatti dabarsuun ni danda’ama |
en_US |