dc.description.abstract |
Kaayyoon Qorannoo kanaa madda rakkoo keeyyata Afaan Oromootiin barreessuu dadhabuu barattoota Mana Barumsaa Qilxuu Ilaalaa Sadarkaa Lammaffaa kutaa 9ffaafi 10ffaa xiinxaluudha.Qorataan yeroo mana barumsichaatii barsiisaa turetti barnoota Afaan Oromoo keessatti barattootnidandeettii keeyyata barreessuu akka hin qabne hubateera.hubateera.Kanaaf dhimma kanatti xiyyeeffannaa kennuun maddi rakkichaa maal akka ta’e sakatta’uun yaada furmaata ta’uu danda’a jedhu qorannoo kana keessatti kaa’ee jira.Maddi ragaa qorannoo kana keessatti dhimma itti bahame madda ragaa tokkoffaa yoo ta,u innis Barattoota mana barumsichaa kallattiin qorannoon kun keessatti gaggeeffameeti. Qorannicha milkeessuuf barattoota walii gala 374 keessaa kutaa 9ffaa198fii kutaa10ffaa176 yoo ta’an kanneen keessaa kutaa 9ffaa 65 kutaa 10ffaa58 mala iddatteessuu hiree/carraa tasaatti fayyadamuun addaan baaseera,dhimmi kana irratti Addunyaan(2011:66), “Qorannnoon mala kamiinuu haa filatamuu %33 ta’uu qabaa” jedha. Barsiisotni Afaan Oromoo mana barumsichaa keessa jiran lama qofa waan ta’aniif lachuu fudhateera. Qorannoo kana keessatti mala qorataan itti dhimma ba’e mala qorannoo ammamtaa fi akkamtaati. Kaayyoo qorannichaa galmaan ga’uuf qorataan meeshaalee funaansa ragaalee afgaaffii, bargaaffii,fi dookumentiiwwan sakatta’eera. Ragaaleen funaanamanis mala qaaccessa ragaalee lakkoofsaa fi jechaan qaacceffamanii dhiyaatanii jiru. Argannoon qorannoo kana irraa argame akka mul’isuttiilaalchi Afaanichaaf qaban ni beekna jechuun dandeettii afaanii irratti xiyyeeffannoo kennuu dhabuu,kutaa gad aanaa hanga ammaatti barsiisaan walitti fufiinsaan shaakallii gochaalee barattoonni akka taasisan gochuu dhabuu barreessuu dhabuu,wayitiin barnoota kanaaf kenname torbanitti lama qofa ta’uu,barsiisaanni gochaalee barreessuu irraatti yommuu hojii daree hojii manaafi abbaltii kennan duubdeebii kennuu dhabuu, kitaabni barnootaa wayee keyyataa gad fageenyaan hubachiisuu dhabuu,barreessuun seera mataa isaa akka qabu hubannoo/ beekkumsa/ dhabuunfaa madda rakkoo kanaa akka ta’e bira ga’amee jira. Kanaaf furmaanni barsiisota Afaan oromoo dhimmi kun ilaallatu barataa kakaasuun shaakalchiisuun ciminaan akka irratti hojjatan dhaamsa qorannichaati. |
en_US |