| dc.description.abstract |
Kaayyoon qorannoo kanaa inni guddaan faaruu deessuu, ija yaxinaa fayyadeessumman xiinxaluu ture. Kaayyoo kana fiixaan baasuuf malaqorannoo akkamtaa hojiirra oolee jira. Ragaan qoranichaaf barbaachisan madda ragaa tokkoffaa fi lammaffaa irraa kan funaanaman yemmuu ta’u, isaaniis, dubartoota, Aanaa Calliyaa keessa jiraataniifi ogeessota waajjira aadaafi tuuriizimii kanneen waa’ee faaruu deessuu kana gadi fageenyaan beekan Ragaa kennitoonni mala iddatteessuu miti carraa keessaa iddatteessuu akkayyoofi darbaa dabarsaa gargaaramuun filatamaniiru. Meeshaalee funaansa ragaa qorataan itti fayyadamees, af-gaaffii, daawwannaaf imariigareeti. Ragaaleen argamanis mala ibsaatti fayyadamuun haala yoomessaafi ergaa isaaniitiin qaacceffamanii dhiyaataniiru. Argannoowwanqorannoo kanaa akka ibsanitti, faaruun da’umsaa, faaruu yeroo deessuun miixuun ishii jalqabuufi gaafa nafa dhiqaa kan faarfatamu ta’uu bira gahameera. Faayidaa faaruun da’umsaa qabus: deessuun wayita ciniinsifattu jajjabeessuuf, maseenni akka dhala argattu kadhachuuf, jajuuf, kabaja mul’isuuf, jaalalaa deessuuf qaban mul’isuuf, eebbisuuf ta’uu hubatameera.Akka aanaa Calliyaatti faaruun deessuuFaayidaaa inni qabus:: deesssuun nagaan hiikamuushee maaree ta’uu mirkanaa’eera. Akka aanaa Calliyaatti faaruun deessuu yeroo ammaa kana dagatamaa jiraachuu qorannoon gama kanaan gaggeeffamee jiru laafaa ta’uu bira gahameera. Sababa inni dagatameefis: babal’ina amantii, babal’ina teekinooloojii, dargaggoonni barnootaan wal qabsiisanii akka aadaa boodatti hafaattti ilaaluu isaanii fiilaalchi isaan faaruu deessuuf qaban baay’ee gadi aanaa ta’uu isaa hubatameera. Dabalataanis faaruun deessu kitaaba barataa keessatti akka mata duree tokkootti osoo qophaa`ee akka hin dagatamne ta`ee gaariidha |
en_US |