dc.description.abstract |
Qorannoon kun xiinxala gahee dubartoonni sirna Gadaa keessatti qaban: Godina shawaa
Dhihaa aanaa Iluugalaan irratti xiyyeeffatee adeemsifame. Ka'umsi qorannoo kanaa gahee
dubartoonni sirna Gadaa keessatti qaban irratti qorannoon bal’aa geggeeffamuu dhabuu.
kaayyoon gooroo qoranichaa gahee dubartoonni godina shawaa Dhihaa aanaa Iluugalaan
sirna Gadaa keessatti qaban xiinxaluu yoo ta'u, Kaayyoon gooree qorannichaa: gahee
dubartoonni sirna Gadaa keessatti qaban dhimma hawaasaa irratti xiyyeffatu, wantoota
dubartoonni sirna Gadaa keessatti dhimma itti bahaniifi dubartoonni sirna Gadaa keessatti
gahee isaanii akka hin baane wntoota gufuu ta'an xiinxaluu dha. Maddi ragaa qorannoon kun
dhimma itti bahame madda ragaa 1ffaa: Abbootiii Gadaa, manguddoota Oromoo, haadholiifi
haadha Siiqqee dha. Iddattoowwan filachuuf toftaalee iddatteessuu miti carraa keessaa mala
iddatteessuu kaayyeffataafi darbaadabarsaatti dhima baatee jirti. Iddattoowwan filataman irraa
tooftaalee funaansa ragaa: Afgaaffii, Mariigarefi Daawwannaatti dhimma ba'uun ragaan
funaaname mala qorannoo akkamtaatiin qaacceffameera.Qaaccessa ragaa keessatti,
yaadiddama fayyadeessummaa dhimma ba'uun ragaan haala walfakkaatuun qaacceffamee
argannoo qorannoo kanaa bira ga'amee jira. Argannoowwan qorannoo kanaan bira
ga’amanis:Aadaan hojii dubartoonni qaban hojii gamtaa(Daboo )ta'uu, dubarri qarree
yemmuu heerumtu haati gurbaa argaa goromsa tokko sabbata furaa kan kennitu ta'uu,
nyaataa fi dhugaatii qopheessuu, gurra uruu, shaashii maruu, yemmuu laga bu'an haati warraa
Abbaa Gadaa okolee qabachuun seera guutuu gochuu, bulchiinsa Abbaa Gadaa kan hordofan
ta'uu, dubarri qarree fi jaartiin cifiree eebbaaf kanfilataman ta'uu, Wantoonni sirna Gadaa
keessatti dhimma itti ba'aman:okolee mallattoo hormaataa ta'uu, siiqqen mallattoo aangoo,
araaraafi nagaa ta'uu akka mul'isu, Wantoonni dubartoonni gahee isaanii akka hin baane gufuu
ta'an dhiibbaa hawaasaa fi amantii dha.Gahee dubartoonni sirna Gadaa keessatti qaban
sababa dubartoonni amantii waaqeffannaan ala amantiiwwan biroo hordofan Gadaafi amantii
waaqeffannaa ija tokkoon ilaaluun Gadaarraa kan qoolifatan ta'uu,dhiibbaa hawaasa keessa
jiruun dubartoonni baay'ina hojii mana keessaan ko'oommachuun sirna Gadaa keessatti
hirmaannaan isaanii laafuun ni mul'ata. Kanaaf, namoonni sirna Gadaa keessatti muuxannoofi
hubannoo qaban midiyaan hubannoo dubartootaa cimsaa deemuufi barreeffamaan dhalootaaf
dabarsuun barbaachisaa dha |
en_US |