dc.description.abstract |
Qorannoon kun mata duree Sirna Qarre Buusaa Godina Shawaa Lixaa Aanaa Tokkee Kuttaayee irratti
adeemsifame. Dhimmoonni garaa garaa akka qorattuun kallattii kanaan qorannoo gaggeessituuf ka’umsa
ta’an jiru. Isaanis, Sirna Qarre Buusaa duudhaa Oromoo ganamaa dhaloota har’aatiif addeessuu, Sirni
Qarre Buusaa yeroo ammaa bakka muraasatti darbee darbee waan mul’atuuf, akka bakka maratti deebi’ee
raawwatamuufi akka hindagatamne ol kaa’uudha. Kaayyoo gooroon qorannoo kanaas, Sirna Qarre
Buusaa Dubartoota Oromoo Aanaa Tokkee Kuttaayee Xiinxaluu dha. Gaaffiileen bu’uuraa qorannichaa
immoo, kanneen akka yoomessa Sirna Qarre Buusaa, hirmaattota Sirna Qarre Buusaafi fakkoommiwwan
meeshaalee aadaa Sirna Qarre Buusaa keessatti mul’atan xiinxaluu irratti xiyyeeffatu. Qorannoon kun
mala akkamtaatti dhimma ba’amee gaggeeffame. Malli iddattoo qorannichaa mala iddatteessuu
kaayyeffataati. Galma ga’insa qorannichaaf qorattuun kan fayyadamte madda ragaa tokkoffaati. Haala
kanaan maanguddoota dhimma Qarre Buusaa irratti hubannoofi muuxannoo qaban, akkasumas namoota
sirna kana raawwachuun muuxannoo qaban irraa odeeffannoo funaanuun dhimma baatee. Ragaaleen
kallattii garaa garaan meeshaalee funaansa ragaalee kanneen akka daawwannaa, afgaaffiifi marii garee
wal duraa duubaan dhimma itti bahamaniiru. odeeffannoowwan marii garee, afgaaffiifi daawwannaan
walitti qabaman boqonnaa afur jalatti xiinxalamanii jiru. Argannoowwan qorannoo kanaa immoo
yoomessa Qarre Buusaa, ilaalchisee, yeroon isaa galgala sa’aatii 10:00-11:00tti, guyyaan Kiphixata,
kamisa, Sambata duraafi jiini immoo Fulbaabaa hanga waxabajjiitti Qarreen Buufama.Eessa kan jedhuuf,
qe’ee warra gurbaata’a. Namoonni sirna kanaaf barbaadaman kanneen akkamii kan jedhuuf, miinjolii
namoota miinjoliin waalessaa waammatan, abbaafi haadha gurbaafi jaarsoliidha. Fakkoomiiwwan
meeshaalee achi keessatti argamanii maali kan jedhuuf, qajjiisa tokko kutuun durbumaa ishiitti, margi
lalisiitti, cuukkoon hurgaahiitti, bunni duroomiitti, horiin dubbattunis duroomiitti, dhadhaan
qabbanaahiitti, itilleen lafa qabadhutti akka fakkeeffaman bira gahamaniiru. Yaboon sirni kun hawaasa
Oromoo biratti jaalala, kabajaafi ulfina waan qabuuf maanguddoonniifi abbootiin gadaa xiyyeeffannoo
osoo kennaniifi gaarii ta’a. Akkasumas, Waajjirri Aadaafi Tuurizimii Aanaa Tokkee Kuttaayee waraabbii
kana yeroo sirni kun adeemsifamu koppii hafuuf irraa dhaloota har’aa hubachiisuun dhaloota egereef
akka ta’u osoo taasisanii gaarii dha. |
en_US |