dc.description.abstract |
Kaayyoon qorannoo kanaa inni guddaan sirna ulmaa bahuu dubartii deessuu xiinxaluudha.
Qorannoon kun gosa qorannoo akkamtaatti dhimma kan bahaame yoo ta‟u, gosa qorannoo
akkamtaa keessaa mala ibsatti dhimma kan bahameedha.Sababni isaa qorattuun hawaasa bira
deemuun odeeffannoo kan walitti qabatte jechaan waan ta‟eef. Qorannoon kun hawaasa aanaa
Jibaat irraa odeeffaannoo funaanuun kan hojirraa oleedha. Kunis, ummata Oromoo Aanaa
Jibaat gandoota 21 keessa jiraatan keessaa gandoota 4 mala kaayyeeffataatti gargaaramuun
kan fudhatamaniidha. Gandoota filatamaan keessaa haadholiifi namoota muuxannoofi
hubannoo waa‟ee sirna ulmaa bahuu dubartii deessuu irratti qaban namoota 23 irraa
odeeffannoon funaanameera.Malli iddattoo qorannoo kanaa itti filatamees, mala miticarraa
keessaa mala kaayyeffataafi mala heerutti gargaaramuun odeeffannoon kan walitti qabameedha.
Meeshaaleen funaansa ragaa dhimma itti bahame afgaaffii, marii gareefi daawwanaadha. Akka
argannootti, qorannoo kanaan wanti bira gahame: sirna ulmaa bahuu dubartii deessuu adeemsa
dahumsaa isa dhumaa ta‟uufi deessuun alatti baatee namatti makamuun hojii misoomaa irratti
kan bobbaatu ta‟uu bira gahamera. Akkasumas hirmattoonni sirna ulmaa bahuu dubartii
deessuu: amaatii, haadha dubartii deessuu, dubartoota ollaa, dubara ollaa, beera kalaalefi
jaarsa guulaa akka ta‟an adda bahameera. Ogafaan sirnicharratti jedhaman ililchuu, eebba,
faaruufi weedduu akka ta‟an bira gahameera. Kana malees meeshaaleen sirna kanarratti jiran:
okolee, dhakaraa, siiqqeefi caaccuudha. Yaada furmaataa kan ta‟uu qabu uummanni aanaa
Jibaatifi Waajirri Aadaaf Turizimii adeemsa ulmaa bahuu dubartii deessuu kana irratti
hojjachuun dhaloonni haaraan akka hubannoo gaarii horataniifi aadichi akka hin miidhamne
kunuunsa barbaachisaa goochuu qaba. |
en_US |