dc.description.abstract |
Matadureen qorannoo kanaa Xiinxala Sirna Raawwii Ayyaana Ekeraa Godina Shawaa Lixaa Aanaa Jalduurratti xiyyeeffatedha. Ka’umsi qorannoo kanaa duudhaa Oromoo badaafi dagatamaa deemaa jiru kanarratti kan taasifamedha. Barbaachisummaan isaas duudhaa Oromoo kana bifa barreeffamaan kaa’uun dhalootatti lufsiisuu kan danda’udh. Sakatta’insi taasifames aadaa, afoola, amantiifi duudhaa uummatichaa gargaarramuun xiinxala sirna raawwii Ayyaana Ekeraa kan qabatedha. Malli qorannoon kun hojiirra oole mala qorannoo akkamtaa (qualitative research) ta’ee, mala qorannoo ibsaatti. Malli iddattoo qorannoo kana keessatti dhimma itti bahame mala iddatteessuu miticarraa keessaa mala iddatteessuu kaayyeffataa (purposive sampling)ti. Maloonni funaansa ragaaleef hojiirra oolan, afgaaffii, daawwannaafi marii gareen fudhachuun yoo ta’u, ragaaleen mala kanaan walitti qabaman immoo tooftaa qorannoo ibsaa fayyadamuun qaacceeffameera. Namoonni abbaa raawwata sagantichaafi finna abba sagantaa yookiin nama du’eef akaakayyuutti kan oolu dabalatee namni kamiyyuu hirmaachuu danda’a. Wantoonni sagantaa kanarratti dhihaatanii dhimma itti bahaman: bordee, damma daamuu, aannan, marqaa, daabboo, gundoo, gaadii, qadaada okolee, faltii loonii, biqituun immoo marga, laaftoofi abbayyeen fa’itu nidhihaata. Argannoon qoarannoo kanaa keessatti abbaafi ilmoon (akaakayyuun nama du’ee) waliin ta’uun sirna kana kan raawwatan ta’uu argadheera. Yeroo ammaa kana sirni Ayyaana Ekeraa sababa amant4iiwwan alaa dhufaniin dhiibamee badaa jiraachuusaa qorannoo kanaan bira gahameeera.Qorannoo kana keessatti yaboon qorataan kaase, Ummanni Oromoo duudhaa kana ijoollee isaanii barsiisuu akka qabani. Biiroon Aadaafi Turizimii aanaa Jalduu duudhaa ayyaana kanaafi kan kana fakkaatan badaafi hafaa jiran irratti hojjechuu akja qaban dhaamsa qorataati |
en_US |