Abstract:
Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa asoosama Imimmaan Haadhaa yaadiddama dubartummaatiin xiinxaluudha. Qorannoo kana geggeessuuf dhimmoonni akka ka’umsaatti qorataa kakaasan xiyyeeffannoon gama qeeqa asoosamaa irratti taasifame laafaa ta’uufi qorattoonni yaadiddama dubartummaa fayyadamuun asoosamoota afaan Oromoo xiinxaluun xiyyeeffannoo kan hinargannedha. Qorannoon kun gosa qorannoo akkamtaatti gargaaramuun kan adeemsifame yoo ta’u, mala iddatteessuu miti carraa keessaa iddatteessuu kaayyeffataatti dhimma bahameeti. Maddi ragaa qorannoo kanaas, madda ragaa tokkoffaati. Maddi ragaa tokkoffaa kunis, ragaawwan asoosamicha keessa jiran gadifageenyaan dubbisuun mala xiinxala barruutti fayyadamuun kan gaggeeffameedha. Argannoowwan qorannoo kanaas, asoosama kana keessatti karaa olaantummaa dhiirotaatiin namfakkiilee dubartootaarra dhiibbaan xinsammuu, hawaasummaafi dinagdeetiin akka jiru ragaalee xiinxalaman irraa hubachuun danda’ameera. Dhimmoonni walqixxummaa koornayaa irra caalaan olaantummaa dhiirotaatiin kan agarsiifame yoo ta’u, sababa garaagarummaa koornayaatiin miidhaan dubartootarra akka ga’e bira ga’ameera. Namfakkiiwwan dubartootaa fedhii qooddataa galmaan gahuufi dadhabduutif soddattuutti fakkeeffamanii kan dhiyaatan ta’uun hubatameera. Gahee dubartoonni asoosamicha keessatti qabaniif kan hawaasaa keessati qaban ilaalchisee gahee dhiirri jiruuf jireenya maatii fooyyessuuf kanneen biroo keessatti qabuufi qoodni dubartiin qabduun tokko akka hintaane bira ga’ameera. Gara fuulduraatti barreessitootni asoosama barreessan hojii isaanii keessatti, dubartootni dhimmoota akka siyaasaa, dinagdee, barnoota, hawaasummaafi qaroomina keessatti qooda fudhachuu akka danda’an hubatanii loogii koorniyaa gochuu dhiisuudhaan dhiibbaa gama kanaan dubartootaarra gahurratti osoo xiyyeeffatanii hojjetanii gaarii ta’a. Walqixxummaan koornayaa kan dhugoomu, dubartootni bakka hundumaatti walqixa ilaalamuufi dhiiraafi dubartootni carraa walqixa ta’e qabaachuu yookiin olaantummaan saala tokkoo leellifamuu dhiisuun gaariidha. Barreessitoonni namfakkiilee dubartootaa bocuu keessatti dubartootaa, dadhabduu, walaaltuu kan miiraan durfamtu taasisanii kalaquun ofitti amanamummaa dubartootaarratti rakkoo fiduu waan danda’uuf dursanii itti yaaduun maksuun barbaachisaadha. Hojii ogbarruu keessatti barreessitootni dubartootaa gahee isaanii baachuun gaariidha. Haata’u malee, maalummaa dubartootaafi gahee isaan qaban osoo hintaane, waan dhiirri isaan ajaje yookiin akka dhiirri ta’uu qabdan isaaniin jedhe ta’uu dubartootaa barreessuu dhiisuun rakkoo kana maksuuf hojjechuun dhimma xiyyeeffannoo barbaadu ta’a.