dc.description.abstract |
Qorannoon kun kan gaggeeffame walaloo sirboota diddaa mul‟isan irratti yemmuu ta‟u, kaayyoon
gooroo qorannoo kana walaloo sirboota Yoosan Geetahun diddaa mul‟isan qabiyyee isaan
xiyyeeffataniifi ergaa isaanii xiinxaluudha. Qorannoon kun sirboota Yoosan Geetahuun diddaa
mul‟isaan keessaa kanneen suursagaleen dhiyaatan irratti xiyyeeffatame. Haaluma kanaan
sirbootni sadi mala iddatteessuu kaayyeeffataa bu‟uureffaachuun filatamananii xiinxalamuun
dhiyaataniiru. Qorannoon kun mala qorannoo akkamtaa fayyadamuun kan gaggeeffame yemmuu
ta‟u, malli iddatteessuu qorannoo kana keessatti fayyade immoo mala iddatteessuu miti carraa
keessaa mala kaayyeeffataati. Maddi ragaa qorannoo kana keessatti hojii irra oole madda ragaa
tokkoffaa yemmuu ta‟u, walaloo sirboota qorannoo kana keessatti dhiyaatan, gadifageenyaan
dhaggeeffachuufi ilaaluun; xiinxala dookimentii fayyadamuun ragaa barbaachisaa fudhachuun kan
gaggeeffamedha. Argannoowwan qorannoo kana keessatti bira ga‟amanis, sirnoota mootummaa
adda addaa keessatti dhiibbaa ummata Oromoo irratti raawwatamaa tureefi jiru irratti
dhimmoonni adda addaa kanneen akka diddaa dhiibbaa siyaasaa, tokkummaa dhabuu, dhiibbaa
hawaasummaa hinbarbaachifnefi haqa dhabsiisuu sirnoota mootummoolee adda addaa keessatti
kan raawwatamaa turan ta‟uunsaa ragaalee xiinxalaman irraa hubatamee jira. Gama
biroonis,ergaawwan ijoon qorannoo kana keessatti mul‟atan gootummaa Oromoon qabu, tuffii
hiriyaa yarturraa daaleen akka wayyu, gadoo kaleessa baasuu, abdii, gorsa, shakkiifi
akkeekkachiisa qaama seenaa keessa darbeefi iddoo amma jiru dagatefaa sirboota kana keessaatti
ragaalee xiinxalamerraa hubatamee jira. Xummurarratti gumaachi sirbootni diddaa kunneen
seenaafi eenyummaa Oromoo ibsuu keessatti qaban kanneen akka, barsiisuu, hubachiisuu,
kakaasuu, ijaaruufi kkf ta‟uun, bu‟aa qorannoo kana irraa mul‟atee jira. |
en_US |