dc.description.abstract |
Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa asoosama Burreen Bifa Tokko Miti jedhu yaadiddama
dubartummaatiin xiinxaluudha. Qorannoo kanaaf yaadoleen qorataa kakaasan gama
barreessitootaatiin xiyyeeffannoon namfakkiilee dubartootaaf kennamu laafaa ta‟uufi
yaadiddamoota jiran fayyadamuun ogbarruun Afaan Oromoo qeeqaman gahaa ta‟uu dhiisuu
isaati. Keessattuu, qorattoonni yaadiddama dubartummaa fayyadamuun xiinxala taasisan hanga
hubannoo qorataatti, baay‟ina asoosamoota afaanichaan barreeffamanii jiraniin yoo walbira
qabaman muraasa ta‟uu isaaniiti. Qorannoon kun gosa qorannoo akkamtaatti dhimma ba‟uun,
mala iddatteessuu miti carraa keessaa iddatteessuu kaayyeffataatiin kan geggeeffameedha.
Maddi ragaa qorannoo kanaas, madda ragaa tokkoffaa yoo ta‟u, ragaawwan asoosamicha
keessa jiran gadifageenyaan dubbisuun mala xiinxala barruutti gargaaramuun kan
adeemsifameedha. Argannoowwan qorannoo kanaas, asoosama kana keessatti namfakkiileen
dubartootaa kanneen akka gaayilaa, dinagdee, jaalalaa, barnootaafi qunnamtii saalaa keessatti
jireenya rakkinaafi tuffatamuutiin calaqqisiifamanii akka dhiyaatan bira gahameera.
Namfakkiiwwan dubartootaa suuraa akka meeshaa, gara jabeettii, odeessituu, sagaagaltuufi
tuffatamtuutti fakkeeffamanii kan dhiyaatan ta‟uu hubatameera. Gahee dubartoonniifi dhiironni
asoosamicha keessatti qaban ilaalchisee gama hojiitiin dubartoonni hojii mana keessatti kan
daangeffaman yoo ta‟u, warri dhiirotaa garuu hojii manaa alaatti hirmaatanii akka jiran bira
gahameera. Gama hawaasummaafi siyaasaatiin gayeen dubartootaaf kanneme kan
hinmul‟anneefi qoodni dubartootni qaban kan warra dhiirotaan yoo walbira qabamu kan
walhinsimneefi madaalamaa kan hintaane ta‟uun qorannoo kanaan adda ba‟eera. Xumura irratti
namfakkiileen dubartootaa akkaataa kanaan bocamanii dhiyaachuun akka qeeqa yaadiddama
dubartummaatti hanqina ta‟uun hubatamee jira. Kanaafuu, gara fuulduraatti barreessitootni
asoosama Afaan Oromoo barreessan namfakkiilee dubartootaa kalaqa isaanii keessatti karaa
madaalamaa ta‟een bocuufi yaada kanarratti xiyyeeffannoo gochuun barbaachisaa ta‟uun
ibsameera. |
en_US |