dc.description.abstract |
Qorannoon kun xiinxala raawwii Sirna Araara Waaqaa Hawaasa Oromoo Godina Horroo Guduruu Aanaa
Jimmaa Raaree jedhudha. Ka‟umsi qorannoo kanaa dagatamaa deemuu duudhaa araara waaqaafi haala
barreeffamaan .dhabamuu sirna araara waaqaati. Kaayyoon gooroo qorannichaa raawwii sirna araara
waaqaa xiinxaluu yoo ta‟u; sirna araara waaqaa keessatti duudhaalee sirna kana keessatti mul‟atan
xiinxaluudha.Maddi raga qorannoo kanaa; madda ragaa tokkoffaati. Maddi ragaa 1ffaa qorannicha hawaasa
Aanaa Jimmaa Raaree keessaa iddattoowwan filataman: Abbootii Gadaa,Manguddoota Abbootiifi Haadholii
yemmuu ta‟an, iddattoowwan kanneen filachuuf tooftaalee iddatteessuu miti carraa keessaa mala
iddatteessuu kaayyeffataafi darbaa dabarsaatti dhimma bahamee jira. Odeeffannoowwan malleen
afgaaffii,marii garee,daawwannaan malleen funaanaman mala lbsaan qaacceffamaniiru. Iddattoowwan
filataman irra odeeffannoon tooftaalee funaansa ragaa: Daawwannaa ,Afgaaffiifi Marii garee xiyyeeffateetti
dhiimma ba‟uun ragaan funaanaman mala qorannoo akkamtaatiin odeeffannoon qaacceffameera.
Qaacceessa ragaa keessatti, yaadiddama Faayideessummaa dhimma ba‟uun ragaan haala walfakkaatuufi
rogsadeessuun qaacceffamee argannoo qorannoo kanaa bira ga‟amee jira.Argannoon qorannichaa akka
agarsiisutti, sirna raawwii araara waaqaa keessatti duudhaaleen adda addaa
mul‟atan;daddarbaa,dhibaayyuu,hoolaa qalmaafa‟aatu sirna kana keessatti mul‟ata. Gosti nyaataafi
dhugaatii sirna kanarratti;daabboo,akaayii qorii, farsoo oromootu dhiyaata. Meeshaaleen sirna araara
waaqaa irratti dhibaayyuun buqquriifi aannan itti dhiyaatan mi‟oota wullee irraa tolfamanitti yoo ta‟u
wulleen kan akka coqorsaa kan hidda dheeratu waan ta‟eef hiddi keessan haa baay‟atu kan jedhutti
fakkeeffama. Ukeen dhibaayyuun aannanii itti dhiyaatu urgaa‟ina, bareedinatti fakkeeffama. Afoola sirna
araara waaqaa irratti dhiyaatan kadhannaafi eebbadha. Qaamni qorannoo kana hojiirraa oolchuu
ndanda‟uu jedhamanii abdatamaniif yaadni furmaataa kennameera |
en_US |