dc.description.abstract |
Kaayyoon qorannoo kanaa ergaa geerarsa diddaa roorroo uummata Oromoo Aanaa
Amboo qaaccessuudha.Qorannichi hawaasni Oromoo aanichaa geerarsa diddaa roorroo
keessatti ergaa attami akka dabarfatu beekuuf af-wallaloo hawasichaa funaanuun
xiinxaluu ture.Qorannoon kun gosa qorannoo akkamtaa waan ta’eef, jechaan
ibsame.Qorannoo kana galmaan ga’uuf, maddi ragaa maanguddoota fi dargaggoota
geerarsarratti muuxannoo qaban mala iddatteessuu miti-carraa keessa iddatteessuu
akkayyoon filatamaniiru.Odeeffannoo qorannichaaf barbaachisan immoo meeshaalee
funaansa odeeffannoo keessaa afgaaffii, fi marii gareetiin walitti qabuun
danda’ameera.Dabalataanis, sakkatta’a ragaalee adda addaa gaggeessuun
odeeffaannoowwan qorannicha gabbisuu danda’an walitti qabamaniiru.Odeeffannoowwan
walitti qabaman kunis mala akkamtaa fayyadamuun bakka lamatti qoqqooduun
qaacceffamaniiru. Ragaalee qaacceffaman kanneen bu’ureeffachuun argannoowwan jiran
geerarsi diddaa roorroo hawasaa Oromoo cunqursaa diinagdee,siyaasaa fi hawaasummaa
of irraa fonqolchuuf tokkuummaafi waliigalteen akka qabsaa’uu ergaa
kakaasuu,barsiisuu,onnachiisuu,jajjabeessuufi goorsuu kan dabarsudha.Furmaatni
qorannichaa immoo aadaa geerarsa hawaasichaan jaalatamaa tahe kana yeroo yerootti
qorachuu fi kunuunsuun dhaloota kallattii qabsiisuun akka itti fayyadaman gochuun gahee
waajjira Aadaafi Tuurizimii aanichaa qofa osoo hin taane dammaqina hawaasa hundaa
gaafata |
en_US |