WelCome to Ambo University Institutional Repository!!

Xiinxala Asoosama Dheeraa ‘Aarsaa’: Yaaxxina Seenawaatiin

Show simple item record

dc.contributor.author Jifaaraa, Raggaasaa
dc.date.accessioned 2022-12-22T06:51:04Z
dc.date.available 2022-12-22T06:51:04Z
dc.date.issued 2022-06
dc.identifier.uri http://hdl.handle.net/123456789/2304
dc.description.abstract Asoosama afaan Oromootiin barreeffamanii ummata bira ga‟an hedduu yoo ta‟anillee, gama firiiwwan isaanii irratti xiyyeeffachuun qorannoon yoo adeemsifamu bal‟inaan hin mul‟atu. Yaada kana irraa ka‟uun firiiwwan asoosamaa jiran keessaa qorannoon kun yaaxxina seenawaarratti hundaa‟uun gaggeeffamee jira. Kaayyoon qorannoo kanaa inni guddaan asoosama dheeraa „Aarsaa‟: jedhamu keessatti barreessaan asoosama kanaa seenaa gargaaramuun siyaas- diinagdee, aadaa, duudhaa, amantaa, afaan, hawaasummaafi falaasama akkasumas, haala jiruufi jireenya ummata Oromoo ibsuuf yaalan ija yaaxxina seenawaatiin xiinxalamee jira. Kaayyoo qabate bira gahuuf qoratichis mala sakatta‟a yookaan xiinxala barruutti dhimma ba‟uun asoosama kana gadi fageenyaan dubbisee odeeffannoo barbaachisan funaaneera. Adeemsa xiinxala kanaa keessattis, dhimmoonni asoosama filatame keessa jiran haala qabatamaa addunyaa dhugaa keessatti mul‟ataniin hangam akka walsimatan walbira qabuun xiinxalamaniiru. Haaluma kanaan, dhimmoonni hojii kalaqaa tokko keessatti qaban yaaxxinni seenawaa lafa kaa‟eera. Kunis, sakatta‟a barruu jalatti baay‟inaan kaawwamee jira. Yaaxxina seenawaa kana bu‟uureffachuun ragaalee asoosama kana keessaa funaanamanis xiinxalamanii jiru. Dabalataanis, rakkoowwan ummata Oromoorra kallattii garaagaraan irra ga‟aa turan karaa qabatamaafi hubatamuu danda‟aniin hojii kalaqaa xiinxalame kana keessatti kan dhiyaatan ta‟uun isaanii bira gahamee jira. en_US
dc.language.iso ao en_US
dc.publisher Yunivarsiitii Amboo en_US
dc.subject Xiinxala en_US
dc.subject Asoosama Dheeraa en_US
dc.subject Aarsaa en_US
dc.title Xiinxala Asoosama Dheeraa ‘Aarsaa’: Yaaxxina Seenawaatiin en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search AmbouIR


Advanced Search

Browse

My Account