dc.description.abstract |
Kaayyoon qorannoo kanaa Qabiiyyee geerarsa ajjeesaa qaaccessuudhaMata duree
kanarratti qorannoon akka gaggeeffamu ka’umsa kan naa ta’e, Aadaa boonsaa sabni
kun ittiin beekamaa ture akka hindagatamneefi Qabiyyeewwan geerarsa Oromoo keessaa
geersi ajjeesaa fi af-walaloon geerarsa kana irratti dhiyaatan yeroo ammaa kana
harca’aa waan jiraniif carraa qorannoon bahee mul’achuu dhabuu, ragaan af-walaloon
kana ibuu hiyaatinnii hawaasa biratti mul’acuu dhabuu dha.aayyoo kana galmaan
gahuuf barruulees ta’ee qorannoowwan hanga tokko kaayyoo kana waliin hidhata qaban
sakatta’amaniiru. Qorannoo kana keessatti madda ragaa 1ffaafi 2ffaa kanan fayyadame
yoo ta’u maddi raga ffaa mala iddatteessuu kaayyeffataadarbaa dabarsaan kan
filatamedha. Ragaan madda 1ffaa irraa funaanuuf afgaaffii, Daawwannaafi mariigareen
hojiirra kan oolan ta’ee, ragaaleen malleen kanaanfunaannaman tooftaa qorannoo
ibsaaniin qaacceffamaniiru. Adeemsa kana hordofuun argannoowwan bira gahaman,
Qaacceffama qorannoo kanaa keessattis qabiyyeewwan geerarsa ajjeesaa kun sadarkkaa
garaagaraatti qoodameera.Afoola Oromoo keessaa Faaruun gootaa niargamu.
Akkasumas, yoomessii fi hirmaattonni sirnichaa yeroo itti geeraraniifi yoomgeeraruu
akka danda’n kan bakka irratti hundaa’uu ta’uudha. Akkasumas,yoomeessa
geerarsaa,gosoonni geerarsa ajjeesaas maal maal akka ta’aniifi geerarsi ajjeesaa kun
dhimmoota hawaasaa maal maal akka ibsu kan of keessaa qabudha.Dabalataanis,waan
ulfaataa ta’ee mul’atu tokko tokkummaan gajabinaxiiqii, jabina,garaa
jabina,gootummaa,garaa laafina,Afaan,aadaa,siyaasa,dinagdee, jaalala safuufi
kaka’umsa qabaachuun fayidaaf olee jiraachuun argannoowwan qorannoo kanaati.
Haaluma kanaan aadaan hawaasaa dura ture, haala walii galaa, duudhaa, ilaalcha,
haala jireenya isaa beekuun kan danda’amu isa amma irra jirru kana ilaaluu qofa osoo
hin taane isa kaleessaa duubatti deebinee yoo qorannoo gaggeessinedha. Adaafi duudhaa
hawaasa kanaa immoo seera qabeessaan qoratee akka dhiyeessu itti gaafatamummaa
kan qabu dhaloota bakka bu’u ta’uu isaa qorataan kun kallattii kaa’a. |
en_US |