Abstract:
Qorannoon kun mata duree “Xiinxala Asoosama Ichima Jaalalaa Ija Yaaxina Bifiyyeetiin”
jedhurratti kan xiyyeeffatedha. Kaayyoon gooroon qorannoo kanaa asoosama dheeraa „Ichima
Jaalalaa ija yaaxxina bifiyyeen‟xiinxaludha. Saxaxni qorannoo kanaa akkamtaayoo ta‟u, tooftaa
iddeetteessuu akkaayyootiin dhimma baheera.. Maddi ragaa qorannoo kanaa madda ragaa
tokkoffaati. Kunis kitaaba Asoosama „Ichima Jaalalaati‟.Meeshaaleen funaanasa ragaa xiinxala
barruu yoo ta‟u kunis, asoosama „Ichima Jaalalaa‟ gad fageenyaan dubbisuun boqonnaa afur
keessatti xiinxalli gaggeeffame ibsi itti kennameera. Argannoo qorannoo kanaan bira gahamees,
Asoosama „Ichima Jalaala‟keessatti caacculleen asoosama, jaargocha, namfakkii waldidda, ijafi
yoomessaatti kan dhimma bahe yoo ta‟u, irraa maqinsii asoosama „Ichima Jaalalaa‟ keessatti
mul‟ate irraa maqinsa dubartiin gocha dhiirri raawwachuu qabu kan raawwatame, jechoota
safuu walsukkumuu,walitti qadaaduu,walitti hodhamuu jechuu asoosaa,kaayyoo irraa
maquu,,jechoota guyyuu irraa maquun, dhugaarraa maquu ilaalchisee Utubaan hojjeta cima
ta‟e otoo jiruu maqaa yakkaman akka waamamuu taasisuu Teediroos, sobni dhugaa awwaluu,
Malaawwan barruu addeessuu, himegeree, duubdeebii, waliin haasaa fi ofiin haasaa kan
dhimma bahee ta‟uu, malleen dubbii akkasaa, iddeessaa, nameessaa, ukukuubee, fi
mallattummaafi walqabsiisa kan dhimma bahamee ta‟uu bira gahameera. Dhumarratti,
argannoo bira gahamee bu‟uureffachuun yaboon kennameera