dc.description.abstract |
Kaayyoon qorannoo kanaa ergaa mammaaksota Oromoo egeree daa’immaniirratti dhiibbaa
qaban, haala qabatama hawaasaa keessatti mammaakaman irratti hundaa’uun dhiibbaan isaan
egeree daa’immanii irratti qaban maal akka fakkaatu xiinxaluudha. Ka’umsi qorannichaas
mammaaksonni gara gaarii ta’etti dhiiban jajjabeeffamuun osoo ittifufuu qabanii dagatamaa
deemuun hawaasni daa’immansaa bocuu keessatti faayidaa irraa argachuu qabu osoo
hinargatiin hafuusaati. Malli qorannoo kana keesstti hojiirra oole mala qorannoo akkamtaadha.
Sababni malli kun itti filatame mala hiikuufi ibsuun kan kaawwamu waan ta’eefidha.
Meeshaalee funaansa ragaa afgaaffiifi marii gareetti fayyadamuun ragaaleen walitti
qabamaniiru. Tooftaan iddatteessuu hojiirra oole, iddatteessuu miti carraa keessaa akkayyoofi
iddatteessuu darbaab dabarsaa yookaan iyyaafannooti. Maddi ragaa qorannichaas, madda
ragaa tokkoffaati.Odeeffannoowwan sassaabamanis haala mammaaksonni naannawaa
daa’immaniitti mammaakaman egeree isaanii gara gaarii ta’eetti bocuu keessatti gahee
yookaan faayidaa qaban ibsameera. Xiinxala taasifameenis ergaa mammaaksota daa’imman
gara gaarii ta’etti dhiibuun egeree isaanii bocuu keessatti gaheen qaban guddaa ta’uusaa,
ergaa mammaaksonni daa’imman gara gaarii hintaanetti dhiibuun gara kallattii
hinbarbaachifnetti geessuun egeree daa’immanii akka miidhanfi mammaaksonni naannawaa
daa’immaniitti mammaakaman yoomessa murtaa’aa kan hinqabneefi yoomessi isaanii kan
hundaa’u taate ta’u sanarratti akka ta’e bira gahameera. Mammaaksonni egeree daa’immanii
gara gaariitti dhiiban osoo haalli isaan gara dhaloota dhufuuf itti darban mijatee, faallaa kanaa
kan ta’an immoo haala itti dhiifamaa deemanirratti hubannoon hawaasaaf kennamee isa kanas
barreeffamaan kaa’uun osoo danda’amee gaarii ta’a. |
en_US |