Abstract:
Kaayyoo gooroon qorannoo kanaa Itti Fayyadama Afaanii Sirba suur-sagalee Caalaa Daggafaa ‘Ati Eenyu?jedhuufi Yoona Yoonaa’ xiinxaluudha.Qorannoo kana gaggeessuuf dhimmoonni akka ka’umsaatti qorataa kakaasan xiyyeeffannoon gama qorattootaatiin itti fayyadama afaanii sirboota Afaan Oromoo keessatti argaman xiinxaluun baasuu irratti laafaa ta’uufi yaadiddamaan deeggaramanii hojjechuu irratti xiyyeeffannoo kannuu dhabuudha.Qorannoon kun qorannoo akkamtaa yoo ta’u,qorannoo kana gaggeessuuf itti fayyadama afaaniitiin xiinxaluunimmoo xiyyeeffannoo qorannichaa isa guddaadha. Qorataan kaayyoo kana galmaan gahuuf mala iddatteessuu kaayyeffataa gargaaramee qorannicha gaggeessera.Ragaalee qorannoo kanaaf barbaachisan madda ragaalee lammaffaa afee walaloo sirba filataman keessatti argaman yoo ta’u, malli funaansa ragaalee mala sakatta’a dookumentii fayyadamuun adeemsifame. Argannoowwan gurguddoo qorannoo kana irraa argames, akaakuu hiika jechootaa sirbicha keessatti itti fayyadaman jechoota idileefi al-idilee, hiika moggoo, hiika faallaafi irra deddeebii jechootaa fa’a.Kana malees, sirbicha keessatti malleen dubbii itti fayyadaman iddeessa, akkasaafi mtiheeti. Dabalataan jechamoota,mammaaksa,ciigoofi ijaarsa caasaa afaanii sagaalee hanga gaaleettita’uun isaa bira gahameera.Akka yaada furmaatatti kanneen kaa’aman sirboota kanneen keessatti itti fayyadamni afaanii ergaa sirbichaan darbu hubachuuf tajaajala guddaa waan qabuuf weellistootas ta’ee dubbistoonni itti fayyadama afaanii irratti osoo fuulleffataniigaariidha.Akkasumas, hojiiwwan kalaqaa kanneen biroo keessatti itti fayyadamni afaanii waan mul’atuuf qorannoon biroo osoo irratti xiyyeeffatanii hojjetanii barbaachisaadha