dc.description.abstract |
Kaayyoon Qorannoo Kanaa Adeemsa Sirna Gumaa Bineensotaa Baasuu Godina Shawaa
Lixaa Aanaa Jalduu Raawwiii Isaa Hordufuun Xiinxaluudha. Akka waliigalaatti Oromoon
naannoo jireenya isaa keessattti wantoota jiraatan waliin nagaan jiraachuuf bosonaafii
bineensoota achi keessa jiraatan kan kunuunsu yoo ta’u, seera kana cabsanii yoo miidhaa
irraan gahan adeemsa gumaa baasuutiin mirgi isaanii eegama. Kanarraa ka’ee yeroo ammaa
kana aadaa gumaa bineensotaa baasuu uummata Oromoo Aanaa Jalduu qorachuun beekkumsa
Oromoo tursiisuuf gahee olaanaa qaba. Saxaxni qorannoo kanaa akkamtaa yoo ta’u maddi
ragaalee qorannichaa madda ragaa tokkoffaafi madda ragaa lammaffaati. Maddi ragaa 1ffaa
maanguddootaafi haawwan hawaasa Aanaa Jalduu dhuudhaa gumaa bineensotaa baasuu irratti
beekkumsa qaban yoo ta’an maddi ragaa lammaffaa afeewwan adda addaa walitti qabamanii
xiinxalamaniidha.Ragaalee qorannichaa iddattoowwan tooftaalee iddatteessuu miti carraa
keessaa kaayyeffataafi darbaa dabarsaatti dhimma bahameera.Meeshaalee funaansa ragaalee
kanneen akka af-gaaffii, marii garee xiyyeefannoofi sakatta’a dookimentiitti dhimma
ba’amaniiru.Ragaaleen funaanamanis mala xiinxala ragaa ibsaatiin xiinxalamaniiru.
Yaadiddama hiikaa, yaadiddama faayideessummaafi yaadiddama seenaa deebisanii ijaaruutti
dhimma ba’uun qorannoo kana gaggeessuun danda’ameera.Gama biraatiin argannoon
qoranichaa akka agarsiisutti, Aanaa Jalduu keessatti bineensonni lubbuun isaanii nama harkatti
darbee gumaan isaanii akka aadaa Oromootti yeroo baafamu qaamaan waan hin
argamneef,muka yaabee bu’uun, laga ce’uun naaf araarami haaloo nattin qabatiin jechuun
adeemsa walduraa duubaa qabaachuun,balaafi badii hedduu irraa nama oolchuu, meeshaalee
itti dhimma bahan kan mataa isaa haaraan akka qophaa’uu qabu bira gahameera.Dabalataanis,
yeroo gumaan bineensotaa kun baafamu ogafaan dhimma gumaa bineensotaa baasuu keessatti
barbaachisan haala adda addaan dhimma itti bahameera. Yaada furmaata qorannoo kanaa kan
ta’an gumaa baasuu baannaan miidhaan adda addaa qe’ee namaa irratti waan dhufuuf sirni
kun turuu akka qabuufi ofeeguun gahee nama hundaa ta’uu,dhimmamtoonni hunduu osoo
adeemsa walduraa duubaa isaa eeganii aadaan kun akka tursiifamu ta’e gaarii ta’uu,
meeshaaleen gumaa bineensotaa baasuu keessatti barbaachisaan akka hindagatamne; Waajjirri
Aadaafi Turizimii Aanaa Jalduu beekkumsa gumaa bineensotaa baasuu hawaasa keessa jiru
osoo barreeffamaan kuusee duudhaan uummata Oromoo akkaturuuf haala mijeesse gaarii ta’a. |
en_US |