WelCome to Ambo University Institutional Repository!!

Qaaccessa Fakkoommii Meeshaalee Ulfoo Ayyaana Warra Hoofaa: Godina Shawaa Lixaa Aanaa Dandii

Show simple item record

dc.contributor.author Xajjituu, Guddataa
dc.date.accessioned 2022-09-02T11:27:00Z
dc.date.available 2022-09-02T11:27:00Z
dc.date.issued 2022-09
dc.identifier.uri http://hdl.handle.net/123456789/1964
dc.description.abstract Kaayyoon qorannoo kanaa, fakkoommii meeshaalee ulfoo ayyaana warraa Hoofaa qaban qaaccessuudha. Qorannoon kana gaggeessuuf wanti qorattuu kakaase hawaasa kana keessatti dhimma fakkoommii meeshaalee ulfoo ijoolumarraa kaasee hordoofuu baruu ture. Inni lammaffaan ammaan argee dubbisetti mata duree kanarratti qorannoon kallattiin irratti gaggeeffame hinargine waan ta’eef mata duree kanarratti qorannoo akkan hojjedhuuf nakaakase. Akkasumas, qorannoowwan kanaan dura fakkoommii meeshaalee ulfoo irratti hojjataman waa’ee meeshaalee amantii Oromoo malee, meeshaalee ayyaana warra Hoofaa kan tuqanii hinargine. Kanaaf, qorannoon kunis qaawwa kana duucha. Kunis haala fakkoommii meeshaalee ulfoofi faayidaa meeshaaleen ayyaana warra Hoofa hawaasa biratti maal akka fakkaatufi rakkoo fakkoommii meeshaalee ulfoon walqabatan adda baasuudha. Maddi ragaa qorannoo kanaa hawaasa naannichaati. Maddi raghimtoota qorannoo kanaa adda durummaan manguddootafi abbootii Ayyaantuu Oromoo kanneen waa’ee meeshaalee ulfoo irratti muuxannoo gaa’aa qaban keessaa mala iddatteessuu kaayyeffataa (purposive sampling)fi darbadabaarsaa fayyadamuun filatamanii jiru. Ragaa qorannoo kanaaf oole funaanuufis afgaaffiifi daawwannaatii fayyadameera. Ragaaleen meeshaalee kanneeniin funaanaman mala akkamtaati fayyadamuun qaacceffameera. Ragaa qaacceffameerratti hundaa’uun hawaasa biratti meeshaaleen ulfoo ayyaana warraa Hoofaa keessatti guddaa akka ta’e qorannoon kun nihakeeka. Argannoowwan qorannichaa akka ibsanitti meeshaaleen warra ayyaanaa kanneen akka caaccuu, kallachaa, mutaa, bokkuu, siiqqee, gaachanaa, eeboofi alangaan duudhaa hawaasa keessatti cidhaafi jila adda addaa akka ittin geggeffamuun danda’amuu isaa bira gahameera. Yoomessi meeshaalee warra ayyaanaa yeroo da’uumsaa, araaraa, kadhaa, fuudhaafi sirna guddisaa keessatti akka bobba’u bira gahameera. Meeshaaleewwan warra ayyaanaa fakkoommii gaaritti akka fakkeeffamaniifi milkii akka itti ilaallatan hubatameera. Meeshaleen warra ayyaanaa laguufi duudhaa guddaa kan qabaniifi iccitii isaa gama warra ayyaana sanatti bulaniin kan hiikaa guddaan akka itti kennamu qorannoon kun kan agarsiisedha. en_US
dc.language.iso ao en_US
dc.publisher Ambo University en_US
dc.subject Fakkoommii en_US
dc.subject Warra en_US
dc.subject Hoofaa: en_US
dc.title Qaaccessa Fakkoommii Meeshaalee Ulfoo Ayyaana Warra Hoofaa: Godina Shawaa Lixaa Aanaa Dandii en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search AmbouIR


Advanced Search

Browse

My Account