Abstract:
Qorannoon kun xiinxala dhiyaannaa afoolaa kitaaba barataa barnoota Afaan Oromoo kutaa-11ffaarratti xiyyeefata. Ka’umsi qorannoo kanaas, afoolli Oromoo akkuma qabiyee afaanii biroo kitaabilee barnoota afaanii keessaatti yemmuu dhiyaatu xiyyeeffannoo kan barbaadudha. Kayyoon qorannoo kanaa haala qabiyyee afoolaa kitaaba barataa barnoota Afaan Oromoo kutaa kudha tokkoo xiinxaluudha.Qorannoo kana gaggeessuuf immoo mala qorannoo akkamtaatu hojii irra oolee jira.Mala kanas galmaan gahuuf meeshaalee funaansa ragaa kanneen akka sakatta’a barruu, afgaaffii, daawwanna dareefi marii garee gargaaramuun ragaaleen qorannichaa funaanamaniiru.Ragaaleen funaannamanis akkaataa walitti dhiyeenya isaaniitiin qoqqoduun qaacceffamaniiru.Maddi ragaa qorannoo kanaa madda raga tokkoffaa yoo ta’u,tooftaan iddatteessuufi malli qaaccessa ragaa dhimma itti bahame barattoota mala iddatteessuu kaayyeffataadha. Barsiisota immoo mala iddatteessuu hunda hirmaachisaatti dhimma bahame. Bu’aaleen qorannichaan argaman qabiyyeen afoola KBAO kutaa 11ffaa keessatti dhiyaatan rakkoolee kanneen akka, dandeettiiwwan afaanii arfan gonfachiisuu irratti hanqina kan qabudha.Kana malees gareen hirmaachiisne ta’uu,yaadannoon afoolaan wal qabatan osoo hin kennamiin hafuu. Akkasumas, jechoota waaltawaatti fayyadamuu dhabuufi yeroon kennameef gahaa ta’uu dhabuu fa’adha. Dhumarratti kitaabni barnoota afaan Oromoo kutaa 11 haala dhiyaannaa qabiyyee afoolli afaan barsiisuu keessatti dhiyaachuu qabuun osoo qopha’ee yaada jedhuufi yeroo kitaabni barnoota afaanii qophaa’u immoo dhimmi barnootaa dhimma xiyyeeffannoo barbaadu waan ta’eef qaamni dhimmi isaa ilaallatu irratti akka hirmaatan ta’ee qopha’uu akka qabutu akka yaada furmaataatti ibsame.Hanga kun hojiirra oolutti immoo barsiisonni dhiyaannaa qabiyyee afoolaa bifa xiyyeeffatameen mala ammayyaa fi bu’a qabeessa ta’eetti fayyadamuuf carraaqqii gochuutu irraa eegama