dc.description.abstract |
Qorannoon kun asoosama dheeraa Afaan Oromo‟Kabiir Waadoo Gadaa Sabboonaa Oromoo
jedhu irratti, yaaxxina seenawaa fayyadamuun qeeqa geggeeffamedha. Ka‟umsi qorannoo
kanaa, asoosamni Afaan Oromoon qophaa‟u tokko hagam seenaa uummata Oromoo calaqqisa
kan jedhu xiinxaluun bira ga‟uudha. Gama biraan, kaayyoon gooree qorannoo kanaa haala
qabatamaa hawaasaa yeroo asoosamni kun barreeffamee haala kamiin akka dhiyaatanii,
hariiroo hawaasummaa fi akkaataa namfakkileen itti bocaman kan jedhu
mirkaneessuudha.Qorannoon kun mala qorannoo akkamtaan kan fayyadame yommuu ta‟u,
maddi ragaa isaa ammoo kitaabuma qorannoon irratti geggeeffamedha. Iddattoon qorannichaas
kitaabilee asoosamaa maxxanfamanii harka namaa gahan keessaa kitaaba asoosamaa Kabiir
Waadoo Gadaaa Sabboonaa Oromoo jedhudha. Odeeffannoo barbaachisaan qabxii
xiyyeeffannoo qorataan dursee qopheeffate irratti hundaa‟uun kan sassaabame ta‟ee, akkaataa
waklfakkeenya isaatiin ragaa sassaabame irratti hiikni kennameera. Hiikni kennames ragaalee
irratti hunda‟uun jechaan kan xiinxalameedha.Bu‟uuruma kanaan namfakkiileen akkasumas
seeneffamootni asoosama kana keessatti argaman haala siyaasa,
dinagdee,hawaasummaa,qabsoo,waa‟ee afaanii ibsuu akka danda‟anitti kan bocaman ta‟uu
hubatameera.Gama biraan ammoo kalaqa kana keessatti hariiroo hawaasummaa yeroo
asoosamni kun barreeffame kan mul‟ise ta‟uus kan agarsiiseedha. Seenaawwan jiran dhugaa
Oromoo kan mul‟isuu danda‟anidha. Argannoo gurguddoo hojii qorannoo kanaa
ilaalchisee,dhimmi haala qabatamaa hawaasummaa yeroo asoosamni kun barreeffamuufi
hariiroo hawaasummaa yeroo sanaa maal akka fakkaatufi namfakkiileen bocaman bakka
bu‟ummaa sirrii kan qaban ta‟uu, seeneffamni asoosamicha keessa jiru dhugaarraa kan fagaate
akka hintaaneefi dhiibbaa Oromoo irra ga‟aa ture kan mul‟isu ta‟uu isaa
xiinxalameera.Dhumarratti osoo qorattonni seenaa fi afaanii yaaxxina seenawwatti
fayyadamuun dhimmoota hawaasaa, seenaa hawaasaa, gama ogumaan jiru ifa basuu fi
ta‟insoota seenawaa sirnoota dhufanii darban keessatti rawwachaa turan asoosamoota adda
addaa yeroo garaagaratti barreeffaman irratti gaggeessuun hubannoo uummata Oromoof
dabarsuun barbachisaa ta‟uu isaa akka yabootti qabateera |
en_US |