dc.description.abstract |
Qorannoon kun asoosama dheeraa Afaan Oromoo „Hawwii‟ jedhu irratti, yaaxxina
seenawaa fayyadamuun xiinxaluu irratti xiyyeeffata. Ka‟umsi qorannoo kanaa,
asoosamni Afaan Oromoon qophaa‟u tokko hagam qabatamaa uummata Oromoo
calaqqisa kan jedhu xiinxaluun bira ga‟uudha. Gama biraan, kaayyoon qorannoo kanaa
taateewwan asoosama kana keessatti ibsaman addunyaa dhugaa keessatti mirkaneessuu
kan danda‟u moo miti kan jedhu mirkansa kennuudha. Qorannoon kun qorannoo
akkamtaa yommuu ta‟u, maddi ragaa isaa ammoo kitaabuma qorannoon irratti
geggeeffamedha. Iddattoon qorannichaas kitaabuma Hawwiittii. Odeeffannoo
barbaachisaan qabxii xiyyeeffannoo qorattuun dursitee qopheeffatte irratti hundaa‟uun
kan sassaabame ta‟ee, akkaataa waklfakkeenya isaatiin ragaa sassaabame irratti hiikni
kennameera. Hiikni kennames jechaani. Bu‟uuruma kanaan namfakkiileen akkasumas
seeneffamootni asoosama kana keessatti argaman haala siyaasdinagdee Oromoo ibsuu
akka danda‟anitti kan bocaman ta‟uu hubatameera. Seenaawwan jiran dhugaa Oromoo
kan mul‟isuu danda‟anidha. Argannoo gurguddoo hojii qorannoo kanaa ilaalchisee,
namfakkiileen bocaman bakka bu‟ummaa sirrii kan qaban ta‟uu, seeneffamni
asoosamicha keessa jiru dhugaarraa kan fagaate akka hintaaneefi dhiibbaa Oromoo irra
ga‟aa ture kan mul‟isu ta‟uudha. Dabalataan, qorannoo kanaan Oromoon sirnoota
Habashaa duraa duubaan Itoophiyaa bulchaa turaniin afaansaa, aadaasaafi eenyummaa
namummaa Waaqni isaaf kenne sarbamaa akka ture mirkanaa‟eera. kana
malees,asoosama kana keessatti ergaan barreeffaman kanneen akka siyaasaa, amantii
fa‟aa yoomessuma(kutaa Oromiyaa) tokko qofaa irratti xiyyeeffatee jira. Kanaaf, gara
fuula duraatti kanneen asoosama barreessuu barbaadan kutalee Oromiyaa hundaa
keessatti dhiibbaa ummata kana irra gaheefi gahaa jiru hundaa dhoksaa tokko malee
saaxiluun akka isaan irra jiru illee ibsameera. Walumaagalatti, asoosamni „Hawwii‟
haala Oromoon keessa ture mul‟isuu akka danda‟utti kan qophaa‟edha |
en_US |