dc.description.abstract |
Qorannoon kun ittifayyadama afaanii sirna amantii Waaqeffannaa qaaccessuu mataduree jedhurratti xiyyeeffatedha. Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa itti fayyadama afaanii sirna amantii waaqeffannaa Oromoo qaaccessuudha.Kaayyoo kana galmaan gahuufis, mala qorannoo akkamtaatti dhimma bahameera.Malli iddatteessuu dhimma itti bahame, mala kaayyeffataadha.Odeeffannoon meeshaalee funaansa ragaa daawwannaafi afgaaffiin funaanaman jechaan qaacceffamaniiru.Maddi odeeffannoo tokkoffaa maanguddoota, abbootii Gadaafi miseensota amantaa waaqeffannaati. Ittifayyadama afaanii amantii waaqeffannaa keessatti ergaawwan /faayidaan mammaaksonni dabarsan/ qaban: kabaja, ulfina, safuu, dhugaa, qajeelummaa, olaantummaa waaqaa, waaqni uumaa waan hundaafi beekaa ta’uu, hordoftootni amantii waaqeffannaas akka amantii isaaniitti safuufi duudhaa eeguun buluufi irratti hojjatmuun dhalootaa dhalootatti darbu akka qabu, sirna amantii waaqeffannaa keessatti akaakuwwan jechootaa mul’atan: jechoota idilee, jechoota alidilee, jechoota moggoo, jechoota ulfinaa agarsiisan yoo ta’an, caasaan isaaniimmoo sirna afaanii eeganii walduraa duuban walaloo ykn hololoon kan dhihaatan ta’uufi akaakuuwwan malleen dubbii dhimma itti bahaman: akkasaa, iddeessa ykn bakka buusa, nameessa, arbeessuufi ateessa kanneen jedhaman argannoo qorannoo yoo ta’an, mammaaksota, akaakuu jechootaafi malleen dubbii amantii waaqeffannaa keessatti akkaataa heeraafi seera uumamaa, safuufi kabaja qabuun itti fayyadamuufi dhaloonni haaraanis aadaafi duudhaa abboota isaa akka qabaatuufi beeku gochuun barbaachisaadha. Akkasumas, qaamni dhimmi ilaalu qorannoo gadi fagoo irratti geggeessuu ni danda’a kan jedhu immoo yaboo qorannoo kanaati. |
en_US |