dc.description.abstract |
Qorannoon kun xinxalaa haala dhiyaannaa afoola kitaaba barnoota Afaan Oromoo kutaa kudha lamaa
irraatti xiyyeeffata. Ka’umsi qorannoo kanaas, afoolli Oromoo akkuma qabiyyee afaanii fi ogumma
afaaaniifi afoolaa haala itti kitaaba barnoota afaanii keessatti dhiyaatu kan mataasaa danda’e kan
barbaaduudha. Haaluma kanaan,haala dhiyaannaa afoolaa kitaaba barnoota Afaan Oromoo kutaa kudha
lamaa keessa jiru hordofuun ciminaa fi hanqina jiru adda baafameera. Qorannoo kana gaggeessuuf
ammoo, mala qorannoo akkamtaatu hojiirra oole. Mala kana bu,uura godhachuun odeeffannoo
funaanuun mata duree qorannoo waliin walsimatu kanneen akka qaacceessa qabiyyee kitaabaa ,afgaaffii
gargaaramuun ragaaleen qorannichaa funaanamaniiru.. Odeeffannoon funaanamanis akkaataa walitti
dhufeenya isaanitiin qoqqooduun qaacceffamaniiru. Haaluma walfakkaatuun qorannoon faffaca,iinsa
dhiyaannaa afoola boqonnaalee kitaabichaa hunda keessaafi gilgaalota afoolaan walqaatanii jiran
hundi kan qaacceffamaniidha. Bu,aaleen qorannichaan argaman akka mul,isanitti afoolli kitaaba
barnoota afaanii keessa jiraachuun ogummaalee afaanii gurguddoo, hiika jechootaafi caasluga Ittiin
dhiyyeessuurratti Hanqina qabaachutu mul,ata.Gilgaalonni kitaaba barnoota kanaa keessatti argaman
akkaataa dhiyyaachuu qabaniin kan in dhiyyaanne ta,uu agarsiisa.Gilgaalonni afoolaan walqabatan
kitaaba kana keessa jiran akkaataa sirna barnootaa fooyya,aa ta,een kitaabni barnoota afaanii haala
dhiyaannaa waliigalteen akkaataa afoola hunda hirmaachisu un osoo qophaa,eek an jedhuufi yeroo
kitaabni kun qophaa,us dhimmi barnootaa dhimma xiyyeeffannoo barbaadui waan ta,eef qaamota adda
addaa dandeettii kana qaban waldorgomsiisuun irratt iakka hirmaatan ta,ee qophaa,ee kanneen
jedhaa yaboo jalatti ibsameera. |
en_US |