dc.description.abstract |
Qorannoon kun mata duree xiinxala Fakkoommii Meeshaaleefi gochaalee sirna kakaa
Oromoo Tuulamaajedhurratti kan gaggeeffame yoo ta‟u, kaayyoon qorannoo kanaas,
fakkoommii meeshaaleefi gochaalee duudhaa sirna kakaa Oromoo Tuulamaa
xiinxaluudha.Malli qorannoo kanaaf dhimma itti bahame mala qorannoo akkamtaati.
Qorannichi madda ragaa tokkofaatti dhimma bahamee gaggeeffame.Maddeen kunis:
abbootii Gadaa, maanguddootaafi haadholii akka aanaa Meettaa Roobiitti waa‟ee
meeshaalee, gochaaleefi fakkoommii duudhaa sirna kakaa beekan. Malli iddattoo qorannoo
kanaas mala iddatteessuu miti-carraa akkaayyoofi darbaa dabarsaadha.Meeshaaleen
odeeffannoon ittiin funaanname af-gaaffii,daawwannaa namtocheefi marii gareeti.
Odeeffannoon meeshaalee kanneeniin funaannaman qoqqoodamuun xiinxalamani
arganoowwan bira ga‟amanis: meeshaaleen duudhaa sirna kakaa Oromoo Tuulamaa
keessatti dhimma itti ba‟aaman fakkoommiiwwan raaasan dhahamani akka hinoofkalleettii,
eeboon waraansaafi bakakkatti,sanyii miidhaanii qomoo haaraatti,daaraan qaamni
jijjiiramutti, dhoqqee loonii hormaata dhabuutti,latii biqiltuun umurii gabaabachutti,cileen
qaamni gubaate jijjramutti,doobbiin qaama horbobbeessutti,qoreen qe‟een du‟aan
baduutti,caalcallii maraatumaatti,saantimni iyyummattifi galiin gadii deebi‟utti fakkoomu.
Fakkoommii gochaalee duudhaa sirnaa kakaa keessatti mul‟atan, hidhamuutti, akka lammii
yaartuutti, lafa irraa dhabamutti, gad deebi‟ummaatti, iddoo ga‟uuf yaadan hanqachuuttii,
akka tuufatee dhiifama/haagii/hintaanefitti akka fakkeeffamu qorannoo kanaan bira
gahameera. Faayidaa fakkoommiiwwan gochaaleefi meeshaalee sirna kakaa irraa argamu,
haqa dhokate baasuu, hawaasa walitti araarsuu,yakka ittisuu,wal-dhibdee hiikuun
fa‟aadha. Gochaaleefi fakkoommiin meeshaalee sirna kakaa hariiroo hawaasaafi
falaasama hawaasichaa guddisuufi duudhaa hawaasaa kunuunsuuf gahee olaanaa waan
qabuuf, osoo dhimma kana caalatti qorachuufi bu‟aa qorannoowwan biroo, waajjirri
Aadaafi Turiizimii aanaa Meettaa Roobii ,Qorattoonni aadaafi hayyoonni garaagaraa gadi
fageenyaan qoratanii bifa barreeffamaatiin taa‟ee gaarii ta‟uun yaboo qorattuun
kennamedha |
en_US |