Abstract:
Qoraannoo kun xiinxala fookiloorii sirna raawwii ayyaana Boorantichaa Oromoo Tuulamaa; godina Shawaa Kaabaa aanaa Kuyyuu irratti xiyyeeffate kan gaggeeffamedha. Kaayyoon qorannichaas sirna raawwii ayyaana Boorantichaa xiinxaluudha. Qorannoon kuns, xiyyeeffannoon duudhaa hawaasa Oromoo keessa Booranticha irratti qorannoo taasifamee laafaa ta’uufi sirni raawwii ayyaana kanaa xiyyeeffannoo kan hinarganne ta’uudhaan, adeemsa Sirni raawwii ayyaana Boorantichaa qabu ibsuu, meeshaaleen Sirna raawwii ayyaana Boorantichaa irratti wantootni dhiyaatan maalitti akka fakkeeffaman ibsuufi ergaan ogafaan sirna ayyaana Boorantichaa irratti dhimma itti bahaman addeessuudha. Qorannoon kunis gosa qorannoo akkamtaa ta’ee, mala iddattoo miti carraa tooftaa iddatteessuu kaayyeffataatti dhimma bahuun kan gaggeeffamedha. Ragaaleen qorannoo kanaaf barbaachisan madda ragaa tokkoffaa namoota dhimma sirna raawwii ayyaana Boorantichaa irratti hubannoo qaban irraa oddeeffannoo karaalee, af-gaaffii, marii gareefi daawwannaan sassabbameera. Oddeeffannoon kallattii garaagaraatii waliitti qabame mala ibsaatti gargaaramuun boqonnaa afur keessatti xiinxalameera. Akkasumas, qorattuun yaaxxina fakkoommiifi xiinsammuu bu’uureeffacchuun haala gaaffilee bu’uuraa deebisuun ragaalee argaman xiinxalteetti. Walumaagalatti argannoo qorannoo kanaa akka aadaa hawaasa Oromoo godina Shawaa Kaabaa aanaa Kuyyuutti sirni raawwii ayyaana Boorantichaa kun kutaa hawaasaa garaagaraatti akkaataa adda addaan kan raawwatamu ta’uus, sirna raawwii kanaaf, hoolaa,gosoota midhaaniifi dammi, margi kan barbaachisan ta’uusaa bira gahameera. Meeshaaleen sirna raawwii ayyaana Boorantichaaf dhimma itti bahaman cimina, marsaa, olaantummaa, fa’aatti kan fakkoomaniifi ogafaan sirna raawwii ayyaana kanaaf dhimma itti bahaman eebba, kadhaa, galateeffachuu, hormaataafi safuu ittiin barsiifachuuf akka ta’e bira gahameera. Sirni raawwii ayyaana Boorantichaa falaasama Oromoo waan ta’eef, osoo kitaabilee barnootaa keessa galee ittiin baratamee, ittiinis barsiifamee gaarii ta’a. Waajjirri Aadaaf Turizimii Aanaa Kuyyuu hambaalee aadaa haala kanaan hawaasa keessa jiraniif xiyyeeffannoo kennee sakatta’uun qoratee bifa galmeen dhaloota dhufuuf dabarsuun gaarii ta’a