dc.description.abstract |
Axereeraa
Qorannoon kun mataduree Gochaaleefi fakkoommii milkii ilaallannaa Oromoo aanaa Ambo
jedhurratti qoratame. Kaayyoon qorannoo kanaas gochaaleefi fakkoommii milkii
ilaallannaa duudhaa Oromoo.Malli qorannoo qorattuun itti gargaaramte mala qorannoo
akkamtaati.Qorannichi madda ragaa tokkoffaatti dhimma baheera.Maddeen kunis,abbootii
Gadaafi maanguddoota, haadholii, ogeeyyii WATAA akka aanaa Ambootti waa‟ee
gochaaleefi fakkoommii milkii ilaallannaa beekanidha.Malli iddattoo qorannoo kanaas
mala iddatteessuu miti-carraa jalaa mala akkaayyoofi darbaa dabarsaadhaan
geggeeffame.Meeshaaleen odeeffannoon ittiin funaanname af-gaaffii, marii garee
fidaawwannaa namtochee xiyyeeffataadha.Akkaataa gochaaleeniifi fakkoommiin milkii
ilaallannaa itti mul‟atan irratti odeeffannoon malleen kanneeniin funaannaman
qoqqoodamuun qaacceeffamaniiru.Duudhaa hawaasaa kana keessatti gochootni milkii
gaariifi badaa jedhamuun adda bahan:milkii gaariin,biqila ilaallachuu, buna duraa, nama
bishaan guutuu baatee namatti dhufu akka fakkeenyaatti yoo ibsaman, gochootni milkii
badaa agarsiisan immoo, milkii gaangee dhaltuu, milkii guyyaa gaa‟iilaa namni
haguuggatee namatti dhufuu, milkii hamaamonni lama walkeessa qaxaamuruu,akka
fakkeenyaatti kaasuun ni danda‟ama. Kanneen alas, gochaalee ijoon milkii ilaallannaa
qorannoo kana keessatti adda bahan hedduudha. Akkasumas milkii ilaallachuun abdii,
milkii, falaasama Oromoofi duudhaa sabichaa beeksisuu keessatti iddoo olaanaa yoo
qabaatullee,yeroo ammaa kana dhiibbaa amantaafi ammayyummaan duudhaan kun laafee
akka jiru argannoo qorannnoo kanaan bira gahamanidha. Walumaagalatti,gochaaleefi
fakkoommiin milkii ilaallannaa hariiroo hawaasaa, diinagdeefi falaasama hawaasichaa
guddisuufi duudhaa hawaasaa kunuunsuuf gahee olaanaa waan qabuuf, osoo dhimma kana
caalatti qorachuufi bu‟aa qorannoowwan biroo, waajjirri Aadaafi Turiizimii,Qorattoonni
aadaa, hayyoonni garaagaraa gadi fageenyaan qoratanii bifa barreeffamaan osoo taa‟ee
gaarii ta‟aan dhaamsa qorattuuti |
en_US |